Proverb,Description Aariin ijoollee namaa hidhii jala nama guba.,"Ijoolleen (dhalli) namaa hanga fedhe nama aarsitullee, aarii qaban rukuttaan itti bahuun waan hin danda’amneef baay’ee nama aarsa." "Namni kan darbe hin yaadanne, kan dhufus hin yaadu.","Namni waan keessa darbe yaadachuun, waan gara fuulduratti isa mudatuuf baay'ee barbaachisaadha." Namni hamaan bofa afaa jalaati.,Namni hamaa ta'e hammeenyisaa salphaatti hin mul'atu. "Aannan gaalaa dhiiftes ni duuta, dhugdes ni duuta.",Haalota tokko tokko waan kamiyyu yoo goone jijjiruu hin dandeenyu. Abbaan cirraanqoo of ilaalee nama yaaba.,Namni maqaa qabu akkuma fedhetti namarratti roorrisuu barbaada yookiin waan hunda namarratti fe’uu barbaada. Abbaa gaariin addunyaa gaarii dhalaaf hawwa.,Abbaan jireenya boruu dhala isaatiif waanuma gaggaarii hawwaafi. Abbaa badaan heexoo guduunfata.,Abbaan ilma isaatii waan gaarii hin yaadne waanuma faayidaa hin qabne kaa'a. Aannan banaa kan gowwaa fi daa’imaati.,Gowwaa fi daa’imni waan tokko badaafi gaarii ta’uu isaa addaan hin baasan. "Namni gadheen otoo hin yaadiin dubbateeti, otoo hin taa’iin bargaanfata.",Gowwaan waan tokko gadi fageenyaan itti yaadee hin hojjetu. Abbaa gaariin damma guduunfata,Abbaan gaariin qabeenya isaa qusateeti ilmoosaatiif dabarsa. Abbaa farda qabutu lichoo qaba.,Namni farda qabu waan fardaaf barbaachisus hin dhabu. Aaqilatti hin himanii ijumaan agarsiisan.,"Gamnatti beekaa waan ta’eef waan hedduu itti hin himan, xinnumatu isa ga’a." Abbaan biyyaa ammuma biyyaa ga’a.,Namni biyya isaa keessa jiraatu kabaja hin dhabu. Namni jaartii hamtuu fuudhe awwaalli isaa banaadha.,"Kan haati manaa yeroo hundaa loltu, aariiraa kan ka'e umurii hin dheeratu." """Aayya naaf dhageettaafi mitii dur baaduu jaalattaafi."" jedhe, namichi aannan awwaalatti dhibaasee.",Jaalalli haadhaa guddaa (cimaa) dha. Namni ijoollee qabu dhukkubsatus hin ciisu,"Kan dhala qabu, daa'ima isaa jiraachisuuf jecha waan yaaduuf boqonnaa hin qabu." Aannan akka nagayaa mi’aawa.,Dhimmi nagayaan tasagabbiidhaan raawwatan tokko akkuma aannanii nama qabbaneessa. """A’aa!"" jette, sareen luka cabdee",Namni wanta itti dhaga’ame miira isaatiin kan ibsu. Abbaan cabe ofituu ogeessa.,Namni rakkoon isa qaqqabe akkatti of kunuunsu ni beeka. Abbaan hamaan guddina ilmoosaa jibba.,Namni hammeenya yaadu ilmoo ofiitiifis hin yaadu. Abbaan eebba ofii hin wallaalu.,Waan isa baasuufi hin baafne yookiin waan isaa ta’u abbaatu beeka. "Abaarsa coraa didi, eebba coraa fudhadhu.","Waanti hunduu hin fayyadu, kanaafuu waan nu fayyadu filachuu qabna." """Abbaan beeku beeka daabboon buddeena."" jedhe abbaan daabboo.",Waan qaban ulfinaan itti fayyadamuun kan barbaachisa Abbaa beeknaan sobduun iddoo hin qabdu.,Namni soba jaalatu bakka fedhe deemus ykn yoomiyyuu iddoo hin qabu ykn fudhatama hin argatu. Abbaa du’aa garaachi harkatti du’a.,Namni waa hin hojjenne otuma ta’uu ni beela'a. Namni kamisa jajan jimaata bada.,Nama baay'ee jajuun kufatiitti isa geessa. Abbaan afaanii ofittuu kolfa.,Namni dubbii guddisu waa keessa darbee ofittillee kan qoosu dha. Abbaan iyyu malee ollaan hin birmatu.,Miirake ibsachuun akka namoota irraa gargaarsa argattu si godha. Aaraa fi aariin nama dulloomsa.,Namni yeroo hunda aaruu fi aara keessatti hojjetu umurii isaa malee dafee dullooma. Abbaa baaduu affeeletu akka itti nyaatan beeka.,Namni waan hojjetu tokko akkatti fiixa baasu beeka. "Abbaafis dhugaa, ayyaafis dhugaa aannan kana natu gidduutti dhuga.",Walitti araarsuu gidduutti fayyadamu. Namni quba namaatiin ibidda haadhe hin gubatu.,Nama birootti fayyadamee kan balleessaa raawwate badii dalagameef itti hin gaafatamu. Abbaan badee aayyoo galaafate.,Namni badu nama balleessa. Abbaa abdatti karaarra maraatti.,Namni abdii qabu waan hunda qaba. Aannaan ititee dhadhaa ba’a.,Namni obsa qabu waan guddaarra gahuu danda'a. Abbaan baraa eeboon qara.,Namni humnaa fi aangoo qabu waan barbaade hojjeta. Namni ulfina hin beekne maqaa waamaniin owwaata.,Kan ulfina hin qabne ajaja hundaa fudhata. Abbaan cabsa of hin xinneessu.,"Namni nama miidhu, waan isa miidhu hin raawwatu." Hantuunni haadha jalatti gumbii uruu barti.,Namni nama wajjiin oolu fakkaata. "Abbaan akka manaatti bula malee, akka ollaatti hin bulu.","Jireenyi nama tokkoo irratti hunda'u, qabeenyuma abbaan horate irratti." "Namni ni yaada, waaqatu iddoon ga’a.",Karoora namaa kan fiixaan baasu waaqadha. Aariin hiyyeessa bowwootti dhuma.,"Hiyyeessi hanga fedhe yoo aareellee wanti godhu hin jiru, sababa hiyyummaasaatiin deebi’ee mataa of dhukkubsa jechuudha." Abbaan buddeenaa aduu bonaati.,Abbaan biddeenaa akka aduu bonaa nama miidha. Aariin fi qoraan yoo darbatan waan bobeessan hin dhaban.,Aarii battalaatiin otoo itti hin yaadiin tarkaanfiin fudhatamu tokko kan nama miidha. """A’aa!"" jedhe, jaarsi tanboo araade.",Fedhii ofii ykn waan barbaadan tokko agarsiisuuf sagalee dhageessifamu. "Namni guddateef hin beeku, xiqqaateef hin wallaalu.",Dandeettiifi beekumsi umuriin hin daangeffamu. Aaru malee hin boba’u.,Waanta barbaadan tokko argachuuf dhama’uun yookiinn dafquun ykn tattaafachuun barbaachisaadha. "Aannan deega hin jibbitu, du’a hin jaallatu.","Firri ykn aanteen ofii deegummaa yookiin hiyyummaa namarra gahu kan jibbu ta’uu baatullee, du’uu firaa hin jaalatu, yeroo hunda homaallee gochuufi baatu jireenya isaa hawwa jechuudha." Aabboo quufuu baatu maaddiin jala bula.,Hojiin tokko guddatee nuffisiisaafi dadhabsiisaa ta’a. Abbaa jedhanii obboo hin jedhani.,Kabajni namaaf kennamu tokko yeroo hunda wal fakkaachuu qaba. Abbaan hamaan obboleetii nama fuusisa.,Abbaan gaarummaa hin qabne gidiraatti nama galcha ykn daandii hammeenyaa namatti agarsiisa. Namni galgala ni gaaroma.,Bilchinni namaa yommuu dabalaa deemu gara lafinni isaas dabalaa deema. Abbaan farda qooqaa safaraa fe’ate.,"Waan tokkotti seenuun duratti sadarkaa ofii irra jiran madaaluun gaarii ta’a." Aara fi gowwaa jalaa goran.,Aarri foolii hin taane fiduu waan danda’uuf gowwaanis jalaa goruu baannan lameenuu nama miidhu. "Namni tokko biyya tolchuu dadhaba malee, balleessuu hin dadhabu.",Ijaaruutu rakkisa malee diiguun salphaadha. Namni hundinuu quba shaniin buddeena nyaata.,Uumamaan namni hundinuu walqixa. Aanoleetti godaanna jennaan jaartiin aanan gadi naqxe.,Waan irra fooyyaa’aa ta’e tokko akkanumatti abdiidhaan nan argadha jechuun waan har’a qaban tokko qusannaa malee itti fayyadamuun boru rakkoof nama saaxiluu akka danda'a """Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan."" jette adurreen.",Waanta tokko haala seera qabeessa ta’een qabachuu dhiisanii nama komachuun gaarii miti. Namni ija tokkoo cirrachaan hin taphatu.,Of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Abbaan badii ofii hanga qaawwa balbalaa geessu hin argu.,"Waan ofii qulqulleessanii odoo hin beekiin waan nama biraa qeequun dubbachuu." Namni isa du’eef boo'a duuti isa hafeef boo'a.,"Duuti dabaree dha, namni hundi du'arraa hin oolu." "Abbaan amma duula, irbaanni amma dhufa.",Rakkoo keessaa nan baha jedhanii abdii hin taane horachuun sirrii miti. Aayyoon duute barana qiixxaa hin nyaadhu.,Abdii kutachuu ykn ofitti amanuu dadhabuu. Namni karaa fixuu hin dadhabne dubbii fixuu dadhabe.,Dubbiin yoo dhiisan malee dhuma hin qabu. Aalbeen abbaan qare abbaa qale.,Gaarii yoo hojjetan ofumaaf badaa hojjechuunis deebi’ee nama miidha. Aannan har’aaf miti boruuf dhugu,Waan gaarii har’a yoo kaayyatan boruuf namaa ta’a . "Abaaramaan ganna soogidda nagadee, birraa dhadhaa nagada.",Waanti yeroo isaa malee dalagamu bu’aa hin qabu. Aannan firaaf kaa'an hafuura hin naqan.,Yoo waa namaaf godhan akkana godheef jedhanii odeessuun gaarii miti. Abbaan kufan ilmaan ka’an.,Har’a rakkoon kan nu mudate ta’ullee boru fooyya’aa yookiinn wayyaa’aa deema. Aannanii fi nageenyi xiqqaa hin qabu.,Wanti dansaan ykn gaariin tokko xiqqaatullee hammuma sanatu nama gammachiisa yookiin nama fayyada. "Namni quba walqabe, qubaa waldhabe,",Kan wal jaalate wal mufachiisuun hin hafu. "Abbaan daboo isa hafe ilaala, daboon waan hojjette ilaalti.",Qaamni kamiyyuu duraan dursee faayidaa mataa isaa gidduu galeessa godhachuun socho’a. Abbaa malee ibiddi hin boba’u.,Ogummaan kamiyyuu ogeessa mataa isaa barbaada. "Nama guyyaa ergaa dhalate, gabaatu harree qabsiifata.",Gowwaa nama hundatu akka barbaadetti ergata. Abbaan bira yoo jiraate eeleen lama hin gubattu.,Waanti hunduu abbaa waliin kan miidhagina gonfatuu fi tolu. Lukkuun haatee haatee aalbee ittiin qalamtu baasti.,Waan tokko gadi fageenyaan qorachuun yookiin gaafii baay'isuun rakkoof nama saaxila. Aariin kurophisa miillashee dhabsiisa.,Aariin garmalee ta’e deebi’ee abbuma miidha. "Habashaan kan itti duulus tuffateeti, kan waliin duulus tuffata.",Kan nama fayyaduu danda’uufi hin dandeenye adda baafachuu dhabuun gowwummaa olaanaa malee waan biraa ta’uu hin danda’u. Namni gaafa hiyyoolee gurri duude gaafa hunda hiyyoolee osoo jedhuu jiraata,Qaroomina dhabuu yookiin yeroo wajjin deemuu dhiisuu agarsiisa. Namni gaangee boonse gala kooraa baata.,Kan guddisa balleessan rakkoo namarraan ga'uu danda'a. Namni niitii sodaatu ilma hin dhalchatu.,Bakka sodaan jirutti bu'aa barbaadan argachuun hin danada'aamu. Ana haa nyaatuun beela hin baasu.,Waan tokko yoo nama marare furmaata kaa’uu malee yookiin furuu malee hiidhii xuuxuun bu’aa hin qabu. Aarri foon garaa hin waadu.,Irra keessa fakkeessuun bu’aa hin qabu. Abbaa hin qabdu akaakayyuu yaaddi.,Waan dursa dhufuu qabu tokkoof yaadda’uu malee isa lammeessoo fi sadeessoof cinqamuun sirrii miti. Namni qurxummii barbaadu naacha fuudhee baasa.,Faayidaa xinnoo barbaachuuf namni rakkoo guddaa ofitti fida. """Aayyoo nagaatti ooli ani garbuu kiyya argadhe."" jette Gaangeen.",Fedhiin ofii yoo guute nama irraanfachuun yookiin dagachuun jira. Namni of hin kabajne nama hin kabaju.,Kabaja namaaf kennuun ofirraa jalqaba. Abbaa ilma mishaa waaqatu eebbisa.,Ilma gaarii waaqatu eebbisee namaaf kenna. Abbaa horate beeku malee abbaa nyaatu hin beekan.,Qabeenya ofiillee waaqatu namaa laata. Namni oduu bare utubaatti asaasa.,Namni yeroo hunda waan amaleefate godha. Namni niitii gaarii mana keessaa sooroma.,Kan haadha warraa gaarii qabu jireenya gaarii jiraata. Namni niitii hin qabne noorii hiriyaa hin qabu.,"Kan haadha warraa hin qabne, hiryyaa isaa manatti keesummeessuu hin danda'u." Namni qalbii du’e hin fayyu.,Kan hamileen kufte jireenya isaa hin fooyyeffatu. """Lammata bishaan gaanii "" jette hantuunni.",Kan waa tokko jiilche waa hunda sodaata. "Namni rakkataadhaa hin naane, handhuura hin qabu.",Kan garaa isaa qofa jaallatu nama biraatiif hin yaadu. Namni niitii bade hin fayyu.,Kan haadha manaa jiruuf jireenya mana isheef hin yaadne fuudhe jireenyi isaa hin fooyya'u. """Abbaa kee himi "" jennaan, ""eessumni koo farda."" jette gaangeen.",Waan qaanessaa fi itti salfatan dhoksuu. """Abbaa keetti baate gara qolee."" jedhe gurbaadhaan namichi.",Hojiin isaa kan abbaa isaa fakkaata. Namni humna hin qabne dhangaa mi’aa hin nyaatu.,Hiyyeessi waan fedhii isaa argachuu hin danda'u. Namni harka argate lukatti hiixata.,Fedhiin namaa daangaa hin qabu. Namni rabbi hidhe lookoo malee ijaajja.,Jireenyi namaa murtoo rabbiinidha. Namni itillee afu karaa ofii hin balleessu.,Namni ofii isaatiif waan gaarii godha yookiin yaraa ofii hin yaadu. "Abbaan du’us, maqaan hin du’u.","Namni yeroo addunyaa kanarra jiraatutti waan gaarii yoo hojjete hojii isaatiin maqaan isaa bara baraan dha'ama yookiin waamama." Abbaa dammaa dammumaan .,Fedhii nama tokkoo yoo dursanii beekan waan inni barbaadu gochuun rakkoo hin ta’u. Aannan kan ofii hin bulle bultii wal dhorka.,Wanti ofii hin tolle isa kaaniifis hin tolu. "Aannan dhoowwattus, foon hin dhoowwattu.","Yoo waan tokko jaalalaan dide, dirqamaan hin didu." "Aannan tuffattee bishaan si argate, aantee tuffattee nyaaphi si argate.",Aantee ykn fira ofii yoo tuffatan harka diinaa jala galuun jira. Aariin garaa seene arriidha.,Yoo aaran ni arraawu yookiin ni dulloomu. Yoo dhibee himatan dawaa argatu.,Yoo abbaan miidhama isaa himate yaalii argata. Namni ibidda dhabe daaraatti fuula deebisa.,Kan barbadan yoo dhaban kan jibbanitti deebi'u. Abbaan gallaan fardaaf boo'u.,Yoo abbicha argan waan isa jalaa bade gaafatu. Boru hin beekneen qodaan bukoo lama.,Qusannaa wallaaluu. Abbaa biyyaa biyyatu beeka.,Nama biyya isaatti kan wallaalu hin jiru ykn kabajamaadha. Namni galaanni fudhate hoomacha qabata.,Guyyaa rakkoo wanti hundumtuu furmaata namatti fakkaata yookiin waan qabatanii dhiisan wallaalu. Namni nama arrabsu nama hin faarsu.,Kan nama arrabsu maqaa namaa gaariin hin haasa'u. "Abbaa gaarirraa dhalachuu mannaa, guyyaa gaarii dhalachuu wayya.",Qabeenya abbaa ofiirra carraa gaarii argachuutu caala. Namni ija hin qabne halkan guyyaa se’a.,Wanta arganii hin beekne tilmaamuun nama dhiba. Aannan kadhaa hin raafatamu.,Waanta kadhaadhaan dhufe tokko akka barbaadanitti itti fayyadamuun nama dhiba. Gorora tufan hin arraaban.,Waanta osoo itti hin yaadiin hojjetame ykn dogoggorri raawwatame keessa deebi’anii sirreessuun nama rakkisa. "Namni nama hin beekne, ""budaadha"" jettee, mucaa ishee nama dhoksiti.",Eenyummaa nama tokkoo osoo hin beekiin gaarummaa isaa fi hammeenya isaa beekuun rakkisaadha. Abbaan cabee of hin hidhu.,Rakkoo nama quunnamuu danda’u tokko keessaa kophaa ofii bahuun hin danda’amu. Aarii ba’uuf jettee gowwaa waliin hin taphatiin.,Aarii waan tokkoo bahuuf jecha gowwaa waliin taphachuun barbaachisaa miti. Abbaan bareeda hin jibbu waaqatu fokkisaa nama uuma,"Miidhagina kan jibbu jiraate otoo hin taane fokkisaas ta’e bareedaa godhee kan nama uumu waaqadha." Namni gubbaa malee keessa hin argu.,Icciitii nama tokkoo beekuun baay'ee rakkisaadha. "Abbaa biyyaa rabbitu nama godha, abbaa qe'ee qalbiitu nama godha.",Kabaja gaarii argachuuf qalbiin abboomamuutu gaariidha. "Aannan raasan malee, dhadhaan hin ba’u.",Waan gaarii tokko argachuuf dhama’uun barbaachisadha. "Kan dhadhaa afaan kaa’an, dhagaa afaan nama kaa’a.",Galata dhabuu. """Aartu qotadhu."" jedhe, namichi saree buddeena dhoowwatee.",Of jiraachisuuf carraaqqii ykn dhamaatii gochuun barbaachisaadha. Obsaan aannan goromsaa dhuga. ,Waan hunda obsaan bira darbuu wayya. Namni ija hin qabne kan ija qabu jibba.,Hinaaffaa. Aanaan reeffatti aana.,Waan ofii hamaa ta’e ykn yarate jedhanii irraa hin baqatan. Abbaa gaariirraa dhalataniif waan gaarii hin dubbatan.,"Abbaan beekaa ta’eef, ilmaan beekaa hin ta’an." Abbaan beekeef mataa ofii hin haadu.,"Waan hunda beekaniif hunda qulqulleessanii ni hojjetu jechuu miti yookiin Ogummaan bakka qaba." Abbaan farda moggaa dura fe’ata.,Humna ofii madaalaa waa hojjechaa deemuun gaariidha. Aaraaf guutuu hin muran.,Waan gochuu hin malle tokko hin lakkisu ykn ni dhiisu. Namni nama wajjin nama fakkaata.,Jiruufi jireenyi namaa kan miidhagu qophaa osoo hin ta'iin waliindha. Abbaa fardaa malee lafoon garmaama hin dhaqu.,Akka sadarkaa ofiitti buluu. Akka ebeluuttan sirbaan morma nama jallisa.,Akka ofiitti malee akka ormaattan waa godhuuf ykn buluuf yaala jechuun miidhaaf nama saaxila. Kan namaaf ooge eelee jalaan namaaf mooqa.,"Nama jaalatan waanuma qabaniin gargaaru, waan jiru hin tuffataniif." Abbaan harka ofiitiin bofaa fi butii hin qabatu.,Namni waan isa miidhu ofirratti hin hojjetu. Namni guddatu kana hin dubbatu.,Ol adeemaan gocha yaraa namarratti hin raawwatu. Aannan beelaafis ta’eet dheebuufis ta’a.,Aannaan waan hundaaf oola. Aaraniif haadha hin dhaanan.,"Haati ofii waan hunda waan caaltuuf yoo hanga fedhe aaranillee harmee ofii hin rukutan, deesseen ofii kabajamtuudha." Aarrii fi dhugaan karaa baatu hin dhabdu.,"Manni hanga fedhe cufaa ta’us aarri karaa bahu hin dhabu, dhugaanis turullee dhokatee hin hafu." Aangoon qarqaarsa feeti.,"Namni tokko yoo hanga fedhe aangoo qabaatees, gargaarsa namootii biraatiin ala bakka barbaadame gahuu hin danda'u" Abbaan fedhe waan fedhe haa jedhu kan koo garaan achi haa jedhu.,"Namni biraa waan fedhe jedhus, bakka ofii barbaadan tokko gahuuf murteen ofii gahaadha." Kennaan namaa nama hin quubsu.,Namni akka ofii namaa hin ta’u. "Abbaan gaarii hin jibbu, gaariitu nama jibba.",Waan gaarii argachuu namni jibbu hin jiru garuu argachuutu nama dhiba malee. Abbaa beekaan waan tafkii qalee moora laaleefi.,Waan raawwatuu fi bu’aa hojii tokkoo abbaa caalaa namni quba qabaachuu malu hin jiraatu. Abbaan cabsa ofitti hin dabsu,Namni of miidhuu barbaadu hin jiru. """Aaddee!"" Jechaa, walitti aaddi masaanuun.",Kan fira fakkaatu hundi fira miti. Waa malee manni hin aaru.,"Dursinee yaannu malee waan tokko hojjechuun hin danda’amu yookiin Dubbii tokko waa malee callisanii dubbachuun sirrii miti yookiin Waanta tokko hojjechuun dura galma isaafi bu’aa isaa karoorsuun barbaachisaadha." Aaraa ooltus jabanaa afaan hin cabu.,Waanti baramee fi hojii waan tokkoo ta'e erga baratametti miidhaaf nama hin saaxilu. Abbaan darbatee ofii hin qabu.,Wanti al tokko nama harkaa ba’e tokko hin deebi’u. Namni kurruufu ala hin rafu.,Kan hanqina isaa beeku of eeggannoo godha. Aarri foon hin waadu.,Humna ofii ol waa hojjechuun hin danda'amu. "Abbaan farda namaa bite, humna namaaf hin bitu.",Tattaaffi fi carraaqqii ofii malee gargaarsa namaatiin eessayyu gahuun hin danda'aamu. "Aannaniif kan dhugan, qodaaf kan dhiisan.",Waan gaarii ta’eef malee otoo akka qulqullina qodaatii hin dhugan. """Abbaan gaafa ofii hin dadhabu."" jette dullattiin",Gaariis ta’e gadhee waan ofii hin gatan ni kunuunsu malee. Aanaa ufiitiif tasa waan qabaniin taa’an.,"Firri ykn aanteen ofii dhiheenyarraa kan ka’e rakkoofi badhaadhina jiru waan beekuuf waanuma manni horateen ofirraa gaggeessu. Kanuma jiru kennaniif kan ofii waan ta’eef akka keessummaa alaa dhufeetti hin cinqamaniif jechuudha." Abbaa gabaabaa ijoolleen abbaa hin seetu.,Namni tokko dheerina yookaan gabaabinaan madaalamuu hin qabu. Abbaa manaa tumanii utubaa hin yaabbatan.,Waan guddaa hojjetanii xiqqaarratti abdii kutachuun hin barbaachisu. """Abbaa kootu dur si beekaa?"" jedhe, garbichi daadhii hooqqisee.",Waanuma jaalatanii raawwachuu barbaadaniin milkaa’uu. Abbaa fi haadha isaa kan abaaru ijjisaa lafa hin argu.,Kan warra isaa hin kabajne rakkoof kan saaxilamaa ta’a. Namni hojii hin qabne du’a ga’ii saree dhaqa.,Kan waan hojjetu dhabe waan bu'aa hin qabne dalaga. Namni hoolaa elmu hoomacha hin kajeelu.,Kan qabeenya xiqqaa qabu jireenya gaarii hin eeggatu yookiin waan hin jirre hin abdatan. Namni itti tolte aara ho’ifata.,Kan waan hundaa argate waan hojjetu hin beeku. "Namni ibidda aaru darbu, kan boba’u hin argu.",Kan dubbii dhiisu yookiin obsaan irra darbu nama wajjin wal hin lolu. "Namni seenaasaa hin beekne, bishaan gabatee irraati gara argetti jal'ata.",Eenyummaafi maalummaa isaa kan hin beekne garuma argetti jallata. "Namni niitii lama yaadu, rafee wayyaan hanqata.",Kan yeroo tokkotti waa lama yaadu boqonnaa hin argatu. "Abbaan adeemsa beeka, gala waaqatu beeka.",Namni isuma har’aa beeka kan gara fuula duraatti ta’u garuu waaquma qofaatu beeka. Aannan goromsaa kan lubbuu dheeressaati.,Waan gaarii argachuuf obsi barbaachisaadha. "Abbaan gara tolutti harkisa, moorri bakka dhalateef dida.",Akka namaaf mijaa'etti waa ofii godhu. "Namni kolfa guddatu, gaafa du’ellee kanuma kolfu fakkaata.",Kan qoosaa baay'isu rakkina isaa namni biroo hin hubatuuf. Utubaa abbaatu dhaabbata. ,Kan nama baasuu fi hin baafne hubatee beekuun rakkina nama qunnamuu malu tokkorraa dursee kan of eeguu qabu abbaadha. Namni hammuma uffatu dhaamota.,Hunduu akka qabeenya isaatti jiraata. Namni huccuu caragaa dubri kaadhimaa hin seetu.,Yeroo baay'ee namni kan nama kabaju uffata ilaaleedha. Namni haasawaa hin beekne ija nama doqa.,Kan akka itti dhufetti dubbatu waan nama gaddisiisu namaan jedha. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu.,Kan kaayyoo tokko qabu adeemsa hojii keessatti walii galteen waan sana hojjechuu malee wal jeequun hin barbaachisu. Abbaa manaa fi haadha manaa oobdii tokkorraa hammaaru.,Wal fakkaattiin wal barbaaddi. Ababbaliin bishaan yaa’u jallisa.,Haalaan yoo sossooban waan barbaadan argachuun danda'ama. Namni irbaanni shuummoo guyyaan itti naqata.,Waan hin hafneef yookiin waan hin oolleef yeroon itti qophaa'uu. Harka hanna bare dooluutu sosso’a.,Amalli bare adabbiidhaan nama gadi hin lakkisu. "Abaarsa qabaatan, gaangee abaaramte fe’atan",Al tokko karaa irraa yoo goran yookiin dogoggoran deebii’uun rakkisaadha. Namni ilkaan tokkoo muka mooyyeetiin rigatti.,Hamma hin qabne of jajji. Aayyoo gabaabduu ijoolleen hiriyyaa seeti.,"Namni gabaabaan nama guddaa hin fakkaatu, kabajas hin argatu." Namni gabaabaan osoo kabaja hin arganne du’a.,Kan gabaabbate yeroo hunda akka ijoolleetti waan ilaallamuuf ulfina osoo hin argatiin hafa. "Cabaan lamaan walitti fayyaadha. ",Dhuunfaadhaan kophaa ofii kaachurra gamtaadhaan ykn waliigalteedhaan walgargaaraa walqabachuun rakkoo walii hikuun ni danda’ama. "Adaamiin ollaa hagamsaa, imimmaan irraa hin qooru.",Namni bakka malee oole balaadhaaf saaxilama. Namni ittoodhaan nyaatu saree quba hin qabu.,Kan itti tole rakkinni nama biroo itti hin mul'atu. Tokko qoteef tokko camada.,Hinaafuun akka namni ta'en ta'a jedhanii ol hiixachuu. "Namni kan nyaatu malee, kan isa nyaatu hin beeku.",Nama diina isaa addaan baasee hin beekne. Namni miila tokkoo fiigee hin taphatu.,Kan qabeenya ga'aa hin qabne akka garaa yookiin fedha yookiin isaatti jiraachuu hin danda'u. "Namni namaaf hin goone, waa nama gooti.","Homaa kan nama hin gargaarre, rakkoo namarraan geessisuu danda’a." Namni hamaan udaan nama diba.,Kan jaalala namaaf hin qabne maqaa nama balleessa. Of hin agarreen duubaan kolfiti.,Kan maal akka ta'e hin beekne namatti baaca. "Namni haati irraa duute, nama rooba eebilaa dhabe.",Kan kunuunsa dhabe quucaree hafa. Aariin adurree funyaanirra.,"Nama dafee aaru tokko ibsuuf, ykn obsa nama hin qabaanne." "Namni ulee baatee hin deemne, sareef sagadaa deema.","Kan dursee hin qophoofne, rakkoo isa qunname hundaaf gadda." Nama garaan madaa ijatu hirriba dida.,Namni aarii baay'isu boqonnaa hin qabu. Namni of beeku fira ofii hin wallaalu.,Kan eenyummaa isaa beeku aantee isaa ni beeka. "Namni hamma ga’u hin beekne, ""adaraa du’a koo"" jedha.",Kan jaalalaafi jibba namaa hin beekne du'a isaaf namni waan gaddu itti fakkaata. Namni kijibu oggaa torba dafqa.,Kan dhugaa hin dubbanne narratti beekama jedhee bibir’ata. Namni fira tokko qabu dhagaa jalaa gora.,Kan gargaarsa hin qabne rakkoon akka irra hin geenyeef of eggannoo godha. "Aariin kofalchisee, qananiin boossise.",Waan faallaa ta’e tokko. Aannan bassootti dhangala’e.,"Waanta tole, mijaawaa kan ta’e." Arrabni bofa yeroo malee ajjeesa.,Kan hin taane dubbachuun yeroo malee nama ajjeesisa. Malaan malaa uru.,Malaan balleessaa isaa namatti himuu yookiin akka of sirreessu godhu. Namni nama gaggeessu mana nama hin geessisu.,Gargaarsi namaa yeroof yoo ta'e malee hanga dhumaatti hin ta’u. """Siifan tola"" jennaan, ""nan marii'adha"" jedhe. ",Tola akka hamaatti fudhachuu. Namni of jaju hin dogoggoru.,Ana malee namni jira kan hin jenne waan balleessaa isaa namni irratti beeku itti hin fakkaatu. "Abaarsi abbaa lafee nama cabsee, abaarsi haadhaa hundee nama cabsa.",Abaarsi haadhaafi abbaa gaarii akka hin taane ibsa. """Abaarsa eessa dhaqxa?"" jennaan, ""bakka na erganan dhaqa"" jedhe.",Wanti dura hammeenyummaan beekkame tokko bakka dhaqe hundumaatti waanuma walfakkaatu raawwata. """Aabbo leenca arge"" jennaan, ""hin argite malee hin argine"" jedhe, abbaan mucaasatiin.",Qalbii malee ijji hin argitu. Namni garaa bal’atu jaalala hin beeku.,"Albaadhessi nama wajjin nyaachuu malee, namaaf hiruu hin jaalatu." "Namni kan namaan jedhu malee, kan isaan jedhan hin beeku.","Kan nama hamatu, maal akka ittiin jedhan hin beeku." Namni mana hin qabne hamma simbiraa hin ga'u.,Kan mana keessa jiraatu hin qabne tuffatamaadha. Namni baduuf ka’e nama galaafata.,Kan abdii kutate nama balleessa. Namni niitii dubbattuu qabu galgala jibba.,Kan haati warraa qocooltu mana isaatti galuu yaadda'a. Namni maayii dhabe dhangalaasee funaana.,Kan hojii hiike waan bu'aa hin qabne dalaga. Abbaa gowwaan aannan daa’imaa dhuga,Wallaalaan maatii ofii huba. "Namni masangoon jiilche, gufuu gurraattii baqata.",Kan miidhaan guddaa irra ga'e sodaan jiraata. Namni of shakku kafana isaa dheessa.,Kan ofitti hin amanne yeroo hundaa sodaan jiraata. Namni ija bade xiraa'a hin sodaatu.,Kan maqaan bade waa tokko hin sodaatu. "Namni qaanii hin qabne, mooqa deessuu nyaata.","Kan maal naan jedhuu hin beekne, waan saalfii hojjeta." "Namni namaa gadii, jechi namaa oli.",Kan hojii hin jaalanne dubbiidhaan nama caala. Namni kophaa nyaatu kophuma du’a.,"Kan rakkinaa nama hin baasne, nama rakkina isaaf birmatu hin argatu." Namni hiriyaa hedduu nama hin ta'u.,Arjummaa kan baay'isu qabeenya hin horatu. "Namni qufa’u waa tufa, namni mammaaku waa dubbata.","Kan hamaa dubbatu nama gaddisiisa, kan nama gorsu garuu nama gammachiisa." """Abbaan durbaa dhibba sadii"" jedha, inni fuudhu ija sadii jedha.","Inni fuudha barbaadu gatiin akka gadi bu’uuf yoo fedhu, inni kennu garuu gatiin akka ol ka’u hin fedhu." Abbaan birrii fi abbaan wal hidhe nama dhaana.,Kan qabeenya yookiin gamtaa qabu nama miidha. "Abbaa gurra uretu, waan itti kaa’u beeka.",Waan tokko abbuma hojiisaa jalqabetu raawwachuu qaba. "Ol dadhaban, gadi hin dadhaban.",Guddinatu nama dhiba malee kufaatiin nama hin dhibu. Gaangeen takkaallaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite.,Nama ofii isaatiin waan isa balleessu hojjetu. "Namni taa’umsa hin beekne, abbaa manaa fi haadha manaa gidduu taa’a.",Kan safuu hin beekne waan nama saalfachiisu hojjeta. Namni ofitti amane laga bu’ee rafa.,Kan hojii isaatti amantii qabu sodaa tokko malee hojii isaa raawwata. Abbaa daaketu waan jiisu beeka.,Bu’aa raawwii hojii dalaguu abbuma sanitu beeka. Namni itti tole waaqatti ol fincaa’a.,Kan hunda qabu uumaa isaa irraanfata. """Aayii! marqi bulluqa"" jennaan, ""dabaafii miti akka wal gahuufi"" jette.",Marqaan dhiyaate qal’aa dha. Namni namarra jiru ciisee nama dhiita.,Kan humna qabu karaa hundaa nama miidha. Namni ilkaan moogaa garaa keessatti kolfa.,Kan qaanii qabu nama fuuldura ba'uu ni sodaata. Namni garaaf kaatu nama garaa hin ga’u.,"Namni nyaataaf waan hundaa godhu, namoota biiroodhaaf nama icciitii hin ta'u." "Abbaan gaala horeef hoomaan hin baay’atu yoo ofii horan malee. ",Qabeenyi abbaan ofii horate ilmaaf ta’uu dhiisuu danda’a. "Namni ofii quufe, waan gabaan quufe se’a.",Kan qabu namni hunduu waan rakkatu itti hin fakkaatu. Namni horii qabu gosa qaba.,Kan qabeenya qabu fira hin dhabu. "Namni guddaan, hoolaa hin elmuu ,waan baatu hin wallaalu.",Namni beekaan waan hojjetuufi humna isaa ni beeka. Namni nama caala.,"Ilaalchaan, beekumsaan, gaarummaan, ogummaafi wkf.n garaagarummaan namoota gidduu jira." Aannan harma lama keessaa ba'us tokkuma.,Karaan bahiitii ykn dhufaatii waan tokkoo gargar ta’ullee dhumarratti bu’aan ykn firiin inni agarsiisu waan garaagarummaa hin qabne. Namni ilkaan hin qabne foonitti maraata.,Namni waan gochuuu hin dandeenye gochuu barbaada. Migirri furdateef gudeelcha hin ta’u.,Wanta godhuu ykn raawwachuu hin dandeenyeef of rakkisuun hin barbaachisu. "Aannanoo muraasumaa, maal danuun qoraasumaa?",Waan xiqqoodhaaf baasii guddaa baasuun hin barbaachisu. Abbaan baraa muka garbuutiin lafa horda.,Namni aangoo qabu waanti hojjechuu hin dandeenye hin jiru. Afaanii fi funyaani.,Yeroo hundaa walbiraa hin dhibaman. Habaqii facaasanii midhaan hin haaman.,Waan hin taane hojjetanii waan gaarii hin argatan. Abbaan gurraa wareega ankaakee du’e.,Wayin ofii godha otoo jedhanuu achi ga’uu hanqatu. "Aannan shiiniin tokko, daadhii gaanii tokko balleessa.",Waan walitti hin taanee xiqqoomtisheellee waan baay'ee balleessuu danda'a. Namni jiidhe rooba hin sodaatu.,Kan abdii kutate waan sodaa hin qabu. Namni ofiifuu dahu nama hin deesissu.,Kan rakkina keessa jiru rakkina nama hin baasu. Namni karaa si wajjin hin deemne harree si wajjin hin fe’iin.,Kan waan tokko keessatti qooda hin qabne waan sanaaf hin dhiphatu. Namni gadoo hin beekne hamma saree hin ga'u.,Kan haaloo isaa ba'uu hin dandeenye yeroo hunda tuffatama. "Namni galata hin beekne, hamma harree hin ga'u.",Namni waan namni biroo godheef hin yaadanne nama yaraadha. Namni sii fide sirraayiis akka fudhatu hin dagatiin.,Kan waan gaarii siif hojjete waanuma gaarii sirraa eega. Namni niitiin bareeddu qeerroo ollaa hin jaallatu.,Kan waa shakku nama hin amanu. Namni manni isaa dhimmisu rooba hin sodaatu.,Namni waan sirritti beeku tokko hin sodaatu. Kan jiila qabu of hin amanu.,Kan wanti suukanneessaan irratti raawwatame wanti hundi kan isa balleessu itti fakkaata. Abbaa hambaa arrabsuuf abbaa ofii arrabse.,Kan biraan miidhaatti of miidhuun waan jiruuf of eeggannoon barbaachisaadha. Yoo farda dhaban harreen garmaamu.,"Waan barbaadan yoo dhabanis, kan qabanitti dhimma ba'u." Abshir abshiriin sheeka bishaan nyaachifte.,Abdiin amansiisaa hin taane balaarra nama buusa yookiin waan hin taane irratti nama jajjabeessuun balaa fida. Namni gowwaa gorseefi namni dhagaa horde tokkicha.,Waan jijjiirama hin agarsiisne irratti dhama'uun bu'aa hin qabu. Abaaramaan waciitii itti nyaate dhiita.,Gocha gaarii nuuf godhame wanta irraa bu’aa arganne gonkumaa irraanfachuu hin qabnu. "Waciitii haati warraa harka keesse, ormi dhumdhuma kaa’a.",Kan abbaan seeraa fi sirnaan itti hin fayyadamne ormi hin mararfatu Aa’oon waraabessaa duraa duubaan walitti qooddi.,Waliin ta’uun hojiin tokko yoo raawwatame xumurri isaa ni miidhaga. Isa taa’ee ilaaluuf daakuun boqqoolloo dimbilaala.,Taa'anii yemmuu ilaalan waan hundinuu akka salphaatti waan hojjetamu fakkaata. Namni qaana’e baala ceekaa shamaxxaxa.,Kan saalfate waan hojjetu hin beeku. "Aannan guchumaa, haguma dhaqaban ol qaban.",Waan bade tokko yeroo itti dhufan hammuma itti qaqqaban badii oolchu. Walii galan alaa galan.,Yoo waliigalan rakkoo hamaa keessaa ba'uun danda'ama. "Huumni ganama dhufa, yaadni galgala dhufa.","Yeroo humni jiru yaadni namaa hin gallu, yeroo yaadni namaa galu immoo huumni hin jiru. Qalbiidhaan tasgabaa’anii bulchuun dhimma dhawaatan dhufudha." Namni hamma abbaatti abdatan hamma wasiilaa hanqata.,Kan waan guddaaf eeggatan waan xiqqoo namaaf hin oolu. Aantee fi qoricha gaafa rakkatan barbaadu.,Yeroo rakkoon nama qaqqabettii fi yeroo dhibamanitti kan namaaf furmaata duraa ta’uu ykn laachuu danda’u fira aantee fi qoricha . Namni ogeessa wajjin adeemu ogeessa ta’a.,Kan waliin oolan jijjiirama wal irratti fidu. Abbaa jaalatan ilma isaa dhungatu.,Nama jaalatan maatii isaa waliin jaalatu. Yaada malee iji hin argu.,Hubannoon yookiin qalbeeffannaan bakka hin jirretti waan tokko arguun rakkisaa dha. "Aara balfan jennaan, dullattiin bishaan balfiti.",Waan hamaa irraa of eeguun lafa itti barbaachisutti waan gaarii balfachuun dhimma faallaa ta’e raawwachuudha. "Abbaa biyyaa ta’uun nama hin dhibu, bulchuutu nama dhiba.","Waan tokko argachuun dhimma nama rakkisu ta’uu baatus, itti fayyadamanii hojiirra oolchuun rakkisaa ta'uu danda'a." "Aaraanii of hudhanii, gaabbiin ofitti turan.","Otoo akka aariiti ofirratti miidhaa geessisuun kan dhibu ta’uu baatus, yaada walakkaan immoo gaabbuun du’arraa nama oolcha ." "Beelli ni darba, maqaan hamaan hin darbu.","Bu’aa bahiin jireenyaa boru ni fooyya’a ta’a, gochaan badaan garuu yeroo hunda yaadatama." Adurree harki lachuu mirga.,Kan dandeettii yookaan ga’umsa hunda qabu akka hundatti madaquu ykn baruu danda’u. Abbaan fardaa nama sarda.,Kan waa of harkaa qabu bakka barbaade ga'a. "Addum addaan yaati, daga mataan boorana jira.",Dhimma tokkorratti mariin hin godhamu yoo ta’e tokkummaan hin uummamu. "Aannan huuba wajjin naqan, hoggaa dhugan nama dhiba.",Hojiin jalqabarratti bade tokko xumura irratti baay'ee nama rakkisa. "Aannan okolee bada, ilmi eessuma bada, kafanni keessuma bada.",Waanti tokko jalqaba irratti yoo sirreeffamuu baate gatii qabaachuu hin danda’u "Namni gaala hate, gad jedhee hin deemu.",Waan ifa ta'e tokko dhoksuun hin danda'amu. Abbaa hajametu farda bokkuun dha'ata.,Nama haajaa qabu akkatti fardaan deemu hin gorsan. "Aak! Jedhanii waa tufu, mammaakan waa himu.",Madaa ykn quuqqaa garaa keessaa baafatanii hin dubbanne ykn dubbachuu hin barbaanne tokko haasawaa keessa himatu. Namni ol guddatu sin jibbiin.,Kan ol guddachaa jiru haaloo yoo namatti gadde iddoo itti nama miidhu hin beekamu. Namni uffata qabu kabaja qaba,Nama wayyaa gaarii uffatu ulfinni ni kennamaaf. "Namni ollaa isaaf hin dhimmine, soddaaf hin dhimmu.",Namaaf yaaduun ollaa ofii irraa jalqaba. "Namni rabbi qoonqoo qabe, bishaan keessatti boba’a.",Namni abaaramaa waan nama gaddisiisu raawwata. Namni jireenya isaa fakkaata.,Namni akka qabeenya isaatti jiraata. "Namni na hin argine hin jedhiin, ani nama hin argine jedhi malee.",Namni akkamitti akka nama argu hin beekan. Namni ofii bade hallayyaatti nama dhiiba,Namni badiirra jiru badiitti nama oofa. Namni waan namaatti mooqqatu hin arraabbatu.,Namni ergifatee waa hojjetu hin milkaa’innisaa guutuu hin ta'u. Namni uffata malee hin deemu.,Namni fira malee hin dhalatu. Namni qara hin qabatu.,Namni kamiyyuu waan isa miidhu hin hojjetu. "Namni nama harkaa nyaate, nama hin nyaatu.",Namni nama harkaa nyaate nama hin miidhu yookiin dabarsee hamaaf nama hin kennu. "Namni sirba hin beekne hin sirbu, sirbus hin dhiisu.",Namni waan raawwachuu hin beekne tokko raawwate dafee of hin sirreessu. Kan walshakku waliin laga hin ce’u.,Namoonni wal shakkan waan bu'aa qabu tokko wajjin hojjechuu hin danda'an. "Namni sitti jiguu mannaa, gaarri sitti jiguu wayya.",Namoota (ummata) biratti jibbamuu baay'ee ulfaatadha. Namni ture niitiirraa dhalcha.,Obsa godhachuun bu'aa gaarii argamsiisa. Ofirra sin jaalaaladhuu ofiin sin qixxeessuu.,Of caalchisanii nama jaalachuun barbaachisaa miti. "Namni si haa faarsu malee, ati of hin faarsiin",Of jajuun gaarii miti. Namni simbirroo sodaate bisingaa hin facaasu.,Ofitti amanamummaa dhabuu. "Namni ofii bakka bulu hin qabne, keessummaa waammata.","Osoo rakkoo jiru hin furatiin, rakkoo biraa ofitti dabaluu." Namni niitii sadii qe’een isaa yaa’ii hin dhabu.,Qe'ee masaanuun itti baay'atte lolli ni baay'ata. Namni quufe rabbiin hin beeku.,Quufti baay’ate uumaa ofii nama wallaalchisa. Namni rakkate boolla jawwee quba kaa’a.,Rakkataan bakka hin taane seena. Rakkataan ulfa fuudha.,Rakkataan kan isa miidhu addaan hin baafatu. Namni siree dhiphaa dirqamaan wal hammata.,Rakkinni kanneen wal dhabanis walitti araarsa. """Namni namumaati ija nyaadhu.""jette allaattiin.",Sababa baay'isuu dhisuun waan ka'aanif fixaan baasuu. Isa lafaa fuudhuutti inni bobaa jalaa bu’a.,Sassata baay'isuun kan qaban nama dhabsiisa. Namni ni kolfaaf beerri ilkaan yaasti.,Ani eenyuun gadi jedhanii humnaa ol yaaduu. Namni saree kee dhahee siif deema.,Tuffachuun lola barbaaduudha. Namni lubbuu dheerate waa hunda arga.,Umuriin dheerate gaariifi yaraa nama agarsiisa. "Namni mana dhabe waa tokko dhabe, namni biyya dhabe waa hunda dhabe.","Waa horachuufi qabaachuun akkasumas jiraachuun biyya ofii irratti, biyya ofiitii bahuun waan hundumaa nama dhabsiisa." "Luka lama qabaataniif, muka lama hin koran. ",Waa lama yeroo tokkotti raawwachuuf kan oliif gadi kaatu waan bu'aa qabu raawwachuu hin danda'u. "Namni qabee uratetti elme, nama guuree dhangalaase.",Waan bu'aa hin qabneef ifaajuu. Namni ormaa fi lubbuun namatti hin haftu.,"Namni alagaa yeroo hundaa nama wajjin hin hafu, lubbuunis du’a hin ooltu." Namni teessumaa fi eessuma bade hin galu.,Wanti bu'uurri isaa hin tolle firiin isaa gaarii hin ta'u. "Namni ulfaataan dhufeef, saani ulfaate hin dhalu.",Wanti hundi yeroo isaa eeggata. Keessummaan akka warri bulutti bula.,Keessummaan akka warri manaa jiraatanitti madaqa. Dubbiin dubbii fida.,Dubbiin hamaan miidhaa fida. Haadhaa fi lafatu nama danda’a.,Haadha fi lafti nama hunda gargaaru. Utuu kolfituu ulfooftee gaafa deessu boosse.,Waanti jalqabnisaa gammachuu ta'e dhumnisaa gadda ta'uu danda'a. Manni abbaan gube abbaa hube.,Namni gatii balleessaa isaa ni argata. Kan suuta deemu qoraatiin suuta seenti.,Namni suuta hojjetu suuta suutaan rakkataa deema. Garaan gadde imimmaan hin qusatu.,Gaddi imimmaaniin ibsama. Niitiin utubaa manaati.,Haati manaa bu'ura manaati. "Waraana jagnatti dheessani, dubbii qarootti dheesssanii.","Akkuma gootni waraana ittisu, beekaan immoo rakkoo fura." Dubartiin faaya manaati.,Dubartiin bareedinaa fi hundee manaati. Dharraa fooni hancooteen hin baasu.,Feedhiin waan tokko waan biraatiin hin guutamu. "Haadha dhabuu mannaa, haadha dhabduu wayyaa.",Haadha hiyyeettii qabaachun haadha dhabuu irra wayya. "Haadha duute mannaa, haadha maraatte wayya.","Haadha amala gaarii hin qabne qabaachuun, haadha dhabuurra wayya." """Utuu ani gaafaaf bo'uu, gurra na kutan"" jette, harreen.",Waan hin danda'amne irratti xiyyeeffachuun waan qaban nama dhabsiisa. "Indaanqoon ka’a ganamfattee, gombisaa jala oolti.",Dafanii jalqabuu fi cimanii hojjechuun milkaa'inaaf wabii hin ta'u. "Qeeransa eegee hin qaban, qaban hin gadhiisan.","Murtoo balaa qabu yoo fudhatte, rakkoo inni fidu furuuf qopha'uu qabda." Nama gurraan du’erra nama lubbuun du’e wayya.,Maqaa ofii balleessuu irra gatii kaffaluu wayya. Nama duloometu waa hima.,Gorsa kan kennu nama muxannoo qabudha. Nama dubbiin nama dhibe cal’isaan dhiban.,Dubbii badaaf callisuun deebii kenni. Namin ofiif hin tolle ormaaf hin tolu.,Namni dhimma ofiisaa sirreessuu hin dandeenye namas gargaaruu hin danda'u. """Looni hinqabnu, hattuu jibba hin dhaqnu"", jedhe gowwaan.",Gowwaan waa dhabuusaa rakkoo dhabu se'a. "Harmatu lama malee, aannan tokkichuma.",Maddi isaa gargar ta'uus tajaajila walfakkaata kennuu danda'a. "Dubbin dubbii fida, mammaaksi dubbii fixa.","Rakkoon rakkoo biraa fida, mammaaksi immoo rakkoo fura." Nama jaallatan bakka raffisan hin dhaban.,Jaalalli dhugaan bakka waliif kennuun ibsama. "Tokko jennee, lama jenna.",Waan baay'ee ulfaataa hojjechuun dura waan salphaa hojjedhu. Mammaaksi koobaa dubbiiti.,Mammaaksi dubbii walxaxaa fura. Yaraadha jennaan kan nadheen dhiitu.,Namni hamaan warra saaxilamoo ta'an miidha. Warri badu wal hin badadu.,Maatiin yeroo hunda waldhabu miseensa isaa hin gargaaru. "Gowwaan bara soorome nyaatee, bara deege nagada.",Gowwaan fageessee yaaduus qabeenyasaa bulchuus hin danda'u. Harki nyaate nama hin nyaatu.,Namni gaariin nama isa gargaare hin miidhu. "Warri marii qabu jibicha qalata, warri marii hin qabne raada qalata.",Maatiin waliigalu gammachuu fi nagaa qaba. "Nyaanni soogidda malee, manni dubartii malee hin bareedu.",Manni dubartii hin qabne mijataa fi guutuu ta'uu hin danda'u. Surree fi niitii wajjin kufu.,Abbaa manaa fi haati manaa waan hunda waliin qooddatu. Okkoteen Waaqa hin beekne eelee bishan kadhatti.,Namni beekumsa hin qabne bakka sirrii hin taane irraa gargaarsa gaafata Qalluun kan ishee hin beektu kan namaa raagdi.,Namni nama gorsu yookiin dhimma namaa dursee tilmaamu dhimma ofii isaa irratti ni rakkata. "Namni hiyyoome takka lafa reeba, takka nama reeba.",Namni hiyyeessi rakkina isaa yookin ofirratti yookiin namarrattti ibsata. Dhibeen finyaan qabe hidhii hinanqatu.,Rakkoon xiqqaa irraa eegalu dhuma irratti waan baay'ee miidha. Mammaaksi ittoo dubbiiti.,Makmaaksi dubbii salphisa. "Gammi dubbii dhufu beeka, gowwaan dubbii darbeef boo'a.","Namni ogeessi gara fuulduraa tilmaamee kan qophaa’u yoo ta’u, gowwaan immoo gaabbii darbe irratti xiyyeeffata." Beekaan afaan cufata malee balbala hin cufatu.,Namni ogeessi yeroo barbaachisaa ta'eetti ni callisa garuu namoota simachuu hin dhiisu. Sareen qaroon unattee qadaaddi.,Ogeessi erga fayyadameen booda akka hin miidhamneef of eegata. "Silaa hin hafu, kajeelaa dura waami.",Waan siif hin oolle dura furadhu. Abbaan waraanaa dubbii waaraana dubbata. ,Ogeessi ykn hogganaan tokko waa'ee ogummaa isaa dubbata. Qunceen wal gargaartee arba hiiti.,Yoo waliin hojjetan waanta cimaa dhunfaan hojjetamuu hin dandeenyellee ni hojjetu. Garagaltoo milli mata hoqa. ,Wantootni wal hin fakkaanne hariiroo qabaachuu danda'u. "Baduuf ka'ee wal abaaree, marguuf ka'ee wal arraabe.",Abaarsi badisatti geessa jaalalli immoo guddinatti geessa. """Maali maqnee?"" jette sareen jaamaa sagal dhalte.",Namni tokko badii tokko illee utuu hin dalagiin rakkachuu danda'a. Niitii waa lama jaallattu gabaa hin baasiin.,Nama yaadni isaa salphaatti hiramu waan xiyyeffannoo barbaadu hin hojjeechiisiin. Marii'atan malee maraatanii biyya hin bulchan.,Bulchiinsi gaariin marii fi walhubachuun dhufa. Namni namatti jiguu irra gaarri namatti jiguu wayya.,Dhiibbaa hawaasaa dandamachuun rakkoo dhuunfaa kamirayyu namatti cima. Gaariinuu mudaa hin dhabu.,Namni gaariin illee badii hin dhabu. Amali badaan abba rakkisa.,Barteen badaan nama miidha. "Nama mannatti walif, galetu alaa waliin gala.",Wal danda'uu fi waliif galuun waliin nama jiraachisa. Namni haadha qabu nama waaqa qabu.,Haadha qabaachuun kunuunsa gaarii akka qabaattu si godha. Ollaan ofii kafana.,Ollaa qabaachuun baay'ee barbaachisaadha. Hantuunni boolla lamaa daftee hinduutu.,Filannoo baay'ee qabaachuun jireenya namaa baraara. "Luka lama qabaataniif, muka lama hin koran.",Karaa waan baay'ee itti goonu qabaachuun waan baay'ee altokkotti rawwaachuuf wabii hin ta'u. "Abbaan iyyatu malee, ollaan namaaf hin birmatu.",Yoo ofii tattaafatan namni nama gargaara. "Fardi harree wajjin oole, akka harree nama dhiita.",Namni amala namoota waliin jiraatuu dhaala. Kan beekaa dhaga'u dide waaman hin owwaatu.,Beekaa callisuun waan dubbachuu hin barbaadneefi. Harka abbaa tokkotin ibidda qabbaachuun nama hin dhibu.,Gargaarsa namoota birootiin waan tokko galmaan gahuun salphaadha. "Wal sobuu mannaa, wal gubuu wayya.",Iftoominaa fi haqaan dubbii fixachuun gaariidha. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.,Jireenyi wal fakkaata garuu akkatti jiraatu abbumasaatu beeka. "Ilma yartuu dhalchuu mannaa, muka tokko dhaabbachuu wayya.",Waan bu'aa hin buusnetti dhama'uu irra waan bu'aa buusutti dhama'uu wayya. Walii galan alaa galan.,Waliif galuun milkaa'ina walootti nama geessa. Qawwee dhufe dubbin dhufe.,Aangoo fi meeshaan haaraa rakkoo haaraa fida. Foon lafa bu’e huba malee hin deebi'u.,Waanti tokko erga badee booda rakkoo tokko malee duuba deebisuun hin danda'amu. Nama abbaa jedhaniin obboo hin jedhan.,Nama altokko bakka guddaa kenniteefi deebistee xiqqeessuu hin qabdu. Hora bu’anii Jiidha hin lagatan.,Waan tokko erga itti seentee waan inni fidu hundumaa fudhachuun dirqama. Lafa ilaalanii muka dhaabu.,Namni waa gochuun dura haala jiru ilaala. Karaaf dubbii arganuu dhiisan.,Namni gaafa rakkina argu doggogora isaa arga. Bubbeef bara hamaa gugguufanii jalaa bahu.,Namni tokko qormaataa fi yeroo rakkisaa ta’e itti madaquun bira darba. Harkaan harka fuudhan.,Nama gargaaruun gargaarsa argatu. Obsaan aannan goromsaa dhuga.,Obsuun milkaa'inatti nama geessa. "Garibicha lubbuuf dheessu, ormi jabina jaja.",Namoonni jabina abdii kutannaa keessa dhufu ajaa'ibsiifatu. Biyya goophoon baay’atutti isa ol jedhee deemutu fokkisa.,Namoota adda ta'an irratti murtiiin hin malle darbuu danda'a. Of hin agarreen raafuu lagatti.,Namoonni amala ofii hin beekne waantota salphaatti argatan tuffatu. Nagaan bulleen yoo ollaan nagaan bule.,Nageenyi dhunfaa nagaa namoota naannoo keenya jiran irratti hunda'a. Nagaan galuunu nagada caala.,Fayyaa ta'uun milkaa'ina qabeenyaa irra ni caala. Madaa hamtuu fayyan malee jecha hamtuu hin fayyan.,Madaa qaamaa ni fayyu garuu miidhama jecha badaa irraa fayyuun ni rakkisa. "Mammaksi dubbi fidas, dubbi fixas.",Mammaaksi dubbii ibsuufis cunfuufis fayyada. Ariifataan horii gata.,Ariifachuun yookiin akka malee socho’uun nama kisaarsa. Cubbuun dura furdifte booda qallisti.,Cubbuun yeroodhaaf waanta gaarii fiduu danda’a garuu dhuma irratti rakkoo fida. Cubbuun takka tirati takkaa qaqabdi.,Cubbuun suuta suuta guddachaa deema garuu dhuma irratti nama qaba. Fagaara dhuufetu na’a.,Namni haaluma keessa jiru agarsiisa. Kan farade dhabe harreen garmaama.,Namni qabeenya guddaa hin qabne waan qabuun quufa. Baraaf furgugoo gadi jedhanii dabarsu.,Yeroo tokko tokko waantota nu mudatan amananii fudhachuun karaa itti jalaa oolludha. Ballaan fira qabu ija qaba.,Namni kan isa gargaaru qabu haala baay'ee hamaa keessallee ni darba. "Yaa marqaa si afuufuun, si liqimsuufi.",Dursanii haala mimijeessuun waan ulfaataa ta'e salphaatti akka hojjennuuf nu gargaara. Karaa malee deemuun laga nama bulcha.,Karaa dogoggoraa deemuun rakkoo namatti fida. Madaan hiyyeessaa madaa bineensaati.,Rakkina hiyyeessaaf namni bakka kennu hin jiru. Allaatiin waan lafaaf lafa irratti wallolti.,Warri waan guddaa gochuu danda'an waantota xixiqqaa irratti wal dhabu. Namin ulfina hin beekne ulfina hin fedhu.,"Warra kabajaaf bakka hin kennineef, kabajni hin malu." Kophaa nyaattuun qophaa duuti.,Namni qofaa jiraatu qofaa isaa rakkata. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu.,Nama galma tokkoof hojjetu waantota xixiqqoo irratti wal dhabuu hin qabu. Bara baraan dabarsan.,Yeroon itti fufiinsaan jijjirama. "Hiriyyaan wal hin amanne, malkaa ceetutti wal kaksiifti.",Walamantaan hiriyyummaa dhugaaf murteessaadha. "Bakka dhugaan hin jirre, nagaan hin jiru.",Dhugaan nagaa fida. Dhugaan aduuma diida teettu tana.,Dhugaan ifaa fi mul’ataadha. Dhugaan ni qallatti malee hin citu.,Dhugaan yoo kan citu fakkaatellee hin citu. "Kan Waaqi qocaaf kaa’e, cululleen hin fudhattu.",Waanti nama tokkoof hiree ta'e humna dhabus nama biraan hin fudhatamu. Sanyiin kan facaasantu marga.,Bu'aa waan hojjettee argatta. Wallaalaan arriidhaan beekan guduruudhan.,Hubannaan umurii qofa irratti hin hundaa'u. Nadheeniifi fardeen galgala baddi.,Dubartoonni fi fardeen gaafa umuriin isaanii deemuu saaxilamoo ta’u. Arrabbni lafee hin qabu lafee namaa cabsa.,Jechoonni kan hin argamne ta’anis miidhaa guddaa geessisuu danda’u. Gondaan walqabattee laga ceeti.,Waliin hojjechuun qormaata ulfaataa ta'e illee injifachuun ni danda'ama. 'Aannan banaa dhiisanii hattuu nama hin jedhan'' jette adurreen.,Osoo dirqama ofii hin bahatiin nama hin komatan. Olkaa’an fuudhan malee olka’anii hin fudhan.,Waan har'a qusatte yookiin hojjette gara fuulduraa ittiin jiraatta. Ganamaan Ka'anif Waaqi dur hin baahan,Cimina waaqaa "barri fallana, takka namaa fodogaa, takka nama fondoga",jireenyi takka gaarii takka hamaa nama badhaasti "Waaqayoo hin'arifatu, wanta hundumaa yeroo saati hojjeta",obsa qabaachuu fi yeroosaati waan gaarii hojjeechu Waaqaa "Harreen yeroo alaaktu malee, yeroo dhuudhuuftu hin beektu",Namoota yeroo hunduumaa dogoggora yookaan hanqina isaani hin ilaalee Himaa didduu du'a hin diddu.,Namni gorsa didu wanta hamaa ta'e tokkof saxilamuu danda'a Gadhee fi badheen afaan ballatu,Amala badaa nama tokko mul'isa Ilma yartu dhalchu manna muka tokko dhabbachu wayya,Mucaa gatii hin qabne qabaachuu caalaa waan faayidaa qabu hojjechuutu gatii qaba. Olkaa'an fuudhan malee olka'an hin fudhan,Osoo har'a hin qusaatin bor fayyadamu hin danda'aamu "Dubbiin mamaaksa hinqanne, ittoo Soggiddaa hin qabne",mamaaksi dubbbii mi'eesuu argisiisa "“Walmalee maal qabnaree,” jette Huummoon ",wal deeggaruun barbachisaadha "Muu, gaddeebituu! Waraabessa wajjin Harree bituu!","Iddoon gita ofii hin taane salphinaaf nama saaxila, qixa gita ofii dhaabachun barbaachisaadha" "Hummoon lafa hin teessu, muka gubbaa malee Ijoolleen hin beektu, nama guddaa malee.","daa'imman maanguddootarraa akka baratan ittiin gorsuuf, akkasuma maanguddoonnis akka waan beekan ijoolleetti himan jajjabeessuuf jedhama" Laga malee garaan walittinyaa'u.,nyaanni namni tokko nyaatuu ofi isaaf malee nama kan bira akka hin fayyadne ibsuuf jedhaama Sa’a dallaa guutuu manna soddaa barcuma guutuu wayya.,ulfina fi barbaachisummaa sooddaa ibsuf akkas jedhaama "Huummoo ta’uu kooti, jedhe jaarsi dulloome","namootni umrii maanguddummaa keessa jiran, dulluma keessa deeggarsi akka isaan barbaachisu akeekuuf jedhama." Tufanii hin arraban,wanta takkaa jedhan tokkof cichoomina qabaachu argisiisuuf jedhaama Kophaa nyaattuun qophaa duuti,waan qabaan waliif hiruu barsiisuuf jedhaama Jiruu fi amaatii hin tuffatan.,"jiruun guddaas ta'u xiqqaa akka hin tufatamneefi, akkasumaas amaatiin sooreeti tatee hiyyeeti akka kabajun malu akeeka" Dubbiin waldhabde akka dhungoo Huummoo ti,waligaluu dadhaabuu mul'isa Obsaan aannan goromsaa dhuga,kan obsuu waan gaarii akka argaachu danda'u mul'isa "Walitti hindhiyyaannu, diina ofgidduu hinbaafnu,” jette Huummoon",fageenyarratti tokkummaa eegachuu danda'u argisiisa Kophaa dhiqanii xurii hin baasan.,barbaachisummaa tokkummaa argisiisa "Duuti qoricha hinqabdu, yoo qabaatte fuudhanii dhalchuu qofa.",barbaachisumaa dhala godhaachu argisiisa Sussukuun gulufa fida.,milkaa'inni xixiqqoon milkaa'inaa gurguddaa fidu Mi’a wal fakkaatu walbira fannisu.,waanti wal fakkaatu waliif mijaatadha Marii' atan malee maraatan biyya hinbulchan,mariin baay'ee barbaachisaadha Jabbiitu loon ta’a; ijoolletu nama ta’a. ,that little things can reach great heights Namni waan arge dubbata,Namni waan beeku dubbaata harka ofiitiin bofaafi buutii hin qabatu,Namni ofi of hin miidhu Muka jigetti qottoon baay’ata. ,nama maqaan badee maqa baleesi itti baay'ata Bishaannii fi gowwaan gara gorsanitti gora,namni murtoo ykn hubannoo hin qabne qaama kan biraatiin salphaatti dogoggorfama "Galaanni darbuu sii hinnyatiin, jarsi du’aa gahe sii hin abaarni.",rakkina yeroo muraasaf turu obsaan dabarsu Huummoon ka’umsa badde qubsumaaf rakkatti ,wanti ka'umsa bade booda nama rakkisa Jarjarranif abbaa dura hin dhalataan,wanti hunduu yeroo qaba Sibiilli abbaan qare; abbaa qale. ,"namni hammeenya rawwaatu, deebisee isuuma miidha" Hidhii Waaqni abaare osoo hin dhungatamiin dullooma,carraa dhabeessa Nama mannatti walii galetuu alaa waliin gala.,namni yoo waligaltee qabatee fagoo gahuu yookiin waan guddaa hojjechuu danda'a Sangaa abbaan gaafa cabsee ollaan ija jamsa,yoo of xiqqeesan qaamni biralle nama xiqqeesa Huummoon dhukkuba malee aaddi ,waan bu'uraa yookaan dhugaa hin tanee irraatti hundaa'uun nama komaachuu "Hiriyyaan wal hin amanne, malka cetutti wal kaksifti",yoo wal hinamanne fagoo waliin deemuun hin danda'amu. "Muu,” jette Huummoon",waan tokkotti quufu dadhabuu ykn gammaduu dhabuu Akkuma Huummootti aadanii caldhisuudha,rakkina obsaan dabarsuu Huummoon bifa isheef ajjeefamti,"nama sabaaba dandeetti, qabeenya, bifa, waan hawaatoo ta'e fi kkf qabaachun miidhaamu" Durbaa fi qullubbii abbaatu bakka gaarii dhaabbata,Itti gaafatamummaa ofi ba'aachuu Namni Akka du'etti malee Akka kufetti hin hafu!,namni jijjiramu danda'a Dubartiin utubaa manaati,barbaachisummaa fi kabaja dubartii Soddaa fi dugdaan lafaa ol ka’u.,barbaachisummaa fi kabaja soddaa "Warri marii qabu dibicha qalata warri marii hinqanne raadaa qalata.",waligalteen jiranaan waan xiqqootu nama gaha Nagaan bullen yoo ollaan nagaan bule,nagaan dhala namaa waan naannoo isaa jiru irratti hundaa'a Bakka Waaqni nama hidhe takaallaa malee dhaabbatu.,jireenya waaqni namaa kenne malee akka filaannoo ofitti hin jiraatan Harkaan harka fuudhan.,namni dabaree wal gargara Nama jaalatan bakka rafisan hindhaban.,namni jaalatanif waa hunda goodhuf "Arbi dhufe faana dhawaa jennaan faana maalii qaaqxu arbuu kunooti jedhe.",Osoo dhimmi ijoon jiruu dhimma xixiqqoo irratti xiyyeefachuun hin barbaachisu. Soddaafi ibiddi alaalatti tolu,Yoo walitti dhiyaatan wal tufaachuun uumaamuu danda'a. Bunni afaan guba; yaadni garaa guba. ,Waan ta'e baayy'ee yaaduun fayyaa namaa irratti miidhaa qaba. "Osoo waljaalannuu, dugda walitti gallee deemna,” jette Huummoon","Namoota giddutti jaalalli qofti gahaa miti, iftoominaan waliin haasa'uu fi tokkumaan jiraachun barbaachisaadha." "Dhukkubooftuu abbaa warraa, dubbii ganama darbe galgala teessee aaddi.",Rakkoo darbe irra deedeebiin kaasuun miidhaa qaba. Sooressi hundumaa osoo qabuu ilmootti rakkata.,Mallaqni yookiin qabeenyi rakkoo hundumaa furuu hin danda'u. "Soorettii haadha ormaa mannaa, hiyyeettii haadha ofii wayya.","Waanta xiqqoo of harkaa qabnutu, waan guddaa kankeenya hin taane caala." Sooroma eeguun deega eeguudha.,Waan barbaadnu argachuuf tattaafachuu qabna. "Soorummaa durii himachuun, hiyyummaa isa ammaa himachuudha.",Milkaa’ina darbeetti hirkachuun guddina yeroo ammaa gufachiisa. "Sootalli ejersa irratti, eegan tiruu irratti cite.",Nammi waan guddaaf abdatan tokko iddoo hin eegamnetti hafa. "Nyaata hancufatu dursa, dhungoo jaalalatu dursa.",Wanti raawwatamu tokko duraa duuba yookiin tartiiba isaa eegee raawwatamuu qaba. Soora soogiddaan siphaniiti dubbii mammaaksaan himu.,Jechoota filachuu fi ogummaan fayyadamuun waliin dubbii gaarii godha. Sooressi hir’uu isaa hin beeku.,"Waan baay'ee qabachuun, waantota nutti hir'atan akka hin ilaalle nu godha."