Proverb Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen. Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka jedhe namtichi. Bulu cooma jedhe jaldeessi mixii barbaachatti bofa dhagaa jalaa baasee. Cilee ta uuf gubannee cilee taanees gubanne jedhe mukni. Gama sanaa garbuun asheete jennaan Warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe jaldeessi. Gosaan walitti galaa jennaan erbeen loonitti galte. Madaa keenyatu bakka bade jedhe jaldeessi. Situ diriiree of qochisiise jedhe gaarri Lafa diriiraa gadi ilaalee. Waan dhufu hin beekani saree tana akaayii barsiisaa jedhe jaarsi. Ani hin hambifanne ati hin qalbifanne. jedhe oromoon. Nama fardaan barbaadan lafoo argatu Nutuu walbaqannaa orma maaf komanna ? jette titiisni. Nyaadhee sifixuu dadhabus haadhee siballeessuu dadhabbaajette lukkuun Asiin dhihoon karaa nama busha Bishingaan otoo gubattuu kofalti Eelan eelee dhaabbatan Ganamaan bahaniif waaqa jalaa hinbahan. Garaa nagaa qabu sukkuumuun dhukkuba itti fiduudha. Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha Kan harree hin qabne gaangee tuffata! Ollaa fi dugdaan ka an Qunceen wal gargaartee arba hiiti Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii jedhan. Sirbaaf bayanii morma hin dhofatan jettee intalti waa hin saalfannee. Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu Aartu qotadhu jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee. Aartu qotadhu jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee. Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula Waaqatu nama tolcha jedhe Jaldeessi. Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha jette tafkin. Akka cabanitti hokkolan Ni turra malee ni urra jette boonbiin alaa manatti galan Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin jette sokoruun Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin jette sokoruun. Anaa lafa guure shaggaan lafa guute. Jette jaartiin. Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan saree Bagan si arge jennaan bagan si hin dhokatiin jedhe hattuun abbaa manaatiin Bagan si arge jennaan bagan si hin dhokatiin jedhe hattuun abbaa manaatiin. Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan Cabaan baqaqatti erkate Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen. Dhabaan hin galani jette haati hattuu. Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase Fardaa fi harree okaa itti haamu ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu jedhe qottiyyoon fincaan lukkuu kan arge haa himuu Gaanfi redeem eessatti dabe? jennaan keessumatti dabe jedhan. Galle jette lafoon farda jala galtee Godaa mannaa godoo wayya jette haftuun. Haalleluyyaa yaa rabbi sooressa ajjeesi nyaannee dhugnaa jedhee abbaaten taskaara yaade jedhu. Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan Hamma Ija kooti eenyutu naaf kajeela? jette sareen Ijjii fi ijoolleen tika baddi Iyyan malee hin dhalchanii? Jedhe kormaan hoolaa korbessa je’en Iyyan malee hin dhalchanii? Jedhe kormaan hoolaa korbessa re’en Iyyan malee hin dhalchanii? Jedhe kormaan hoolaa korbessa re’en Iyyan malee hin dhalchanii? Jedhe kormaan hoolaa korbessa re’en. Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan Kan lafatti wal hin taane muka waliin hin koru katuffatantu ardaa dhaala kokkolfaa nama nyaatti gonfaan Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni jedhan Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni jedhan. Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni jedhan. Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar ata Maal facaafte? jennaan innuu biqila maaf ariifatte? jedhe namichi. Maal ta’e fardi ni maarateeyi? jedhe waraabeessi ari’ee dadhabnaan. Maali fardi ni maraatee? jedhe waraabessi hari’ee dadhabee Maali fardi ni maraatee? jedhe waraabessi hari’ee dadhabee. Maqaan baduu mannaa mataa baduu wayya jette gondaan ciniintee haftee. Moo yaa afaan jedhe funyaan Moo yaa afaan jedhe funyaan. Muu yaa afaan jedhe funyaan. Numaaf haati hin bane jedhe gowwaan haadha ajjeese Numaaf haati hin bane jedhe gowwaan haadha ajjeese. Nyaadhee sifixuu dadhabus haadhee siballeessuu dadhabbaa Nyaadhee sifixuu dadhabus haadhee siballeessuu dadhabbaa jette lukkuun Ofii qabannaa wallaaltee jaarsiko nagate. Jetti dubartii boosettiin. Qeerrensa eegee hin qaban qaban gad hin dhiisan Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa? jedhe manguddoon oromoo Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti Taa umsa tolfannaan kadhannaan nama hin dhibu. jette sareen. Takkuman kufee suutan ka’a jette jaartiin. Waan hinjirree hinjirtu jedhan.It is said nothing is new . Waan Waaqaa hinbeekanii haadha Waaqo naan jedhaa jette jaartiin. Warruma keenyaaf harreen hin baatu . Jedhe mucaan harree se ee booyyee ari ee dadhabnaan. Worruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari ee Xuwwee nu gidduu jirutu na dhibe malee ibidda ofirraa dhowwuu hin dadhabne. jedhe bishaan . Yaa anaa durii jette cirrin fadrdarraa kuftee Yaa anaa durii jette cirrin fadrdarraa kuftee. Yaa saree ciidhni akkami jennaan isa quufe hin kadhatu isa Yaa saree ciidhni akkami jennaan isa quufe hin kadhatu isa beela’e immoo ni dhowwatu jette. Yaa saree ciini akkami jennaan isa quufe hin kadhatu isa beela e immoo ni dhowwatu jette Yoo waraabessarraa hafte keenya jette sareen harreedhan Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan Aartu qotadhu jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti. Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu. Abbaan of dhahu of hindandamu. Abbaan waraanaa dubbii waaraana dubbata. A leader of war talks about war. Abbaanuu hin gallee fardaaf booyyanni. Abbatu of mara jedhe boofni. Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu Abjuun bara beelaa buddeen buddeen jetti Ablee qara lamaa beekaatu itti fayyadama Abshaalli ofii nyaatee gowwaa afaan diba Adaamiin olla agamsaa imimmaan hin qoorfattu Adaamiin olla agamsaa imimmaan hin qoorfattu. Adala gowwoomsuun suuta suutani Adda nyaataniif hin gabbatani. Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi. Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko. Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan dhugdi Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan dhugdi. Adurreen keessi bineensa ! Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu Aduun hin gortu kan goretti dhiiti. Afaan dubbii bare bulluqa alanfata Afaan gaarin afaa gaari caala. Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa! Afaan lafa taa’u lafee alalcha Afaan qabachuun hunda to’achu Afaan qabachuun hunda to’achu. Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa Akka aadaa teennaa gaara gubbaa baanee teenna jedhe harmi dubartootaa. Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan. Akka akka keen beekaa irra keessan si dubbisa. Akka beekan bulan. Akka cabanitti Okkolanii. Akka durii fi harka xuriitti hin hafan Akka Durii fi Harka xuriitti hin hafan! Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii jedhan. Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jete sareen! Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen. Akka kufanii hin cabani. Akka madaa qubaa yaadni garaa guba Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa Akkuma cabannitti okkolu Akukkuun yeroo argate dhakaa cabsa Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani. Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi Allaatiin waan lafaaf lafatti waliloolt. Hawks quarrel on the ground for something on the ground. ama of komatu namni hin komatu Ameessi okolee dide okkotee hin didu Ana haa nyaatuun beela hin baasu Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan buute ! Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute. Ani hin hanbifne ati hin qalbifne Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa gubattee. Ani ufiif hin jennee mucaan keessan ka hangafaa sun fuudha hin geennee? jette intalti mucaa kajeelte. Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta. Argaa toleef goromsi hin ottoomu. Ari ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi Ariifataan hori gata Ariifataan hori gata jedhuu Oromoon. One who hurries throws away money. Ariifataan hori gata. Hindaaqqoon haate haatee albee ittin qalamtu baasti. Arrabni lafee hin qabdu garuu lafee nama cabsiti jedhuu Oromoon. The tongue has no bones but it can break bones. Arruma salaattee arruma maraatte. Arrumaan samii bahaan waa taatu Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa. Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan. Badiin saree gaafa duute. Baga dhufte jennaan kajeelaa garaan ciise. Bakakkaan akkanaanu natti gamu muka jala na geessite Bakka dhiiganii hin fiigan. Bakka hin rafnetti hin muugan Bakka itti citanitti citaa haammatan Bakka kufte osoo hin taane bakka mucucaatte bari Bakka sareen jirutti namatu dhuufee hin gaafatan Bakkka oolan irra bakka bulan wayya Bara Baraan dabarsan. A time passes after a time. Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti!! Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba Bara fuggisoo harreen gara mana sareen gara margaa Bara gaddaa mataa lafa godhu Bara quufaa lukkuutu dhuufa Bara quufaa lukkuutu dhuufa. Baraa fi furguggee gad ja anii dabarsanii Baraaf furgugoo gadijedhan dabarfatan. One lets the passage of time and furgugoo (a thrown stick) by bowing down. Baraan barruu horan. Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata.Jabbiin hootu hin mar attu. Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani. Barri gangalata fardaati Barri ni darba taajjabni ni tura Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite. Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti. Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin namni du’a gahe si hin abaariin Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette. Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti. Bittaa wallaalanii gabaa komatu Bittaa wallaalanii gabaa komatu. Biyya goophoon baay’atutti isa ol jedhee deemutu fokkisa. In the land of the hunchbacks those who walk upright look ugly. Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan. Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu. Boora’u malee hin taliilu Bor hin bekneen qoda- bukeen ishee lama Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan. Boriif boorri jiraa. Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama Buddeena nama quubsu eelee irra ti beekani. Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama. Bultiin bultuma akka itti bule abbaatu beeka. Life appears to be similar but only individuals know how they live. Caama ganamaa kan beekuutu ho’ifata. Cabaan baqaqatti irkate. Citaa malee mana hin kabatan Citaa malee mana hin kabatan. Cubbuu sodaachuun booruuf Cubbuu sodaachuun booruuf. Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa Cuunfaa baay isuun dubbii gogsuudha. Cuunfaa baay’isuun dubbii gogsuudha. Daakaniif hin marqan dharra aniif hin argatan Daakaniif hin marqan dharra aniif hin argatan. Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu Deeganiif hin du an Deeganiif hin du an. Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate. Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu. Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen. Dhagaan of hin darbu abbaan of hin argu. Dhagaheef heerumtee argeef deesse. dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti Dheebotan malee mi’aa bishaani hin beekan. Dheedhii fi salphina hin quufan. Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan Dhugaan ganama huqqattee galgala gabbatti. Truth looks thin in the morning but grows fat in the evening. Dhugaan hin qallatti malee hin cittu. Dhugaan ni qallatt malee hin cittu Dhugaan niqallatti malee hincittu Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase Dhulaandhula garaa jiru saani cinaacha arraaba. Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan hin ajooftu Diimina haaduun nyaatanidiimaa arrabaan nyaatu Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti Dubartiin qalbii hin qabne mana masaanuu isheetti baqatti. Dubbii barbaacha sareen gabaa baate jedhuu Oromoon. To look for trouble the dog goes to the market. Dubbii barbaada sareen gabaa baati. Dubbiin baay’atetti harretti hin fe’ani Dubbiin baay’atetti harretti hin fe’ani. Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya Dugda hin dhungatan hunda hin dubbatani Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe. Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde. Duulli amma oduu hin gahu Duulli amma oduu hin gahu ! Duulli amma oduu hin gahu. Duuni biyya wajjinii hirriiba jette jaartiin Duuni biyya wajjinii hirriiba jette jaartiin. duuti biyyaa wajji hirriba. Duutiifi dullumni hin hafan. Edda waraabessi darbee sareen dutti Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani. Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu jiraa Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu jiraa. Eelan eelee dhaabbatan. Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin beekani Farda hidhatan machiin tolti! Fardi badaan farda balleessa Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu. Fardi harree wajjin oole akka harree Nama dhiita jedhuu Oromoon. The horse which grazes with a donkey kicks like a donkey. Fiigee fiigee kormi sangaa ta a. Fira dura bahan malee fafa duraa hin bahan Firaan boonu malee firatti hin boonan Firaan ni boonu malee firatti hin boonan. Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii. Firri gara firaa jennaan kal’een gara loonii jette Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu. Fooliin gaariin kannisa harkisa. Foon lafa bu’e huba malee hin’deebu jedhuu Oromoon. If a piece of meat drops on the ground it can never be picked up without particles of dust. Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti! Foon naaf kenneet albee na dhorkate. Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun. Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette Gaariin mudaa hin’dhabu jedhuu Oromoon. Even a good person is not faultless. Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa a. Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa’a. Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti Gadheen niitii dhiirsa hamatti. Gadheen qalbii hin qabdu kan darbe hin yaadatu. Galaanni bakka bultii hin qabne gudeelcha guuree deema Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan Galle jette lafoon farda jala galtee. Gamni ofii nyaatee gowwaa afaan diba. gamnummaa maaltu jiraa. Ganamaan bahaaniif waaqa jalaa hin bahan. Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani Ganna darbeef mana hinijaaran. Gara jabeessa heexoon hin albaasu Gara jabeessa heexoon hin albaasu. Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya Garaa murtii murate bishaan raafuutu gabbisa. Garaa nagaya qabu sukkuumuun dhukkuba itti fiduudha. Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani Garaacha dheedhii garaatti beeki Garaacha dheedhii garaatti beeki. Garaan gadde imimmaan hinqusatu. A sad heart never lacks tear. Garaan murtii hin qabne diina abbaati Garaan saree dhadhaa kajeela. Garbbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii. Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha. Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu warri qophinaafi se’u Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan. Garibicha lubbuuf dheechu Ormi jabina jaja. While a slave runs to save his life observers appreciate his strength. Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte Goomattuuf goommanni hin margu Goowwaa mannaa budaa wayyaa Goowwaa wajjiin dhalachuu mannaa dhaloota ooluu wayyaa Gorsa diddu du a hin diddu Gowwaa al tokko arrabsi innuu lammata of arrabsa Gowwaa kofalchiisanii ilkee lakawu Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi. Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a Gowwaan bara soorome nyaatee bara deege nagada jedhuu Oromoon. A foolish person eats when he is rich and trades when he is poor. Gowwaan buddeena manaa qabu dhiisee akaawwii ollaa kajeela. Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba. Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu. Gubataa marqaa hubataatu arga. Gubattee hin agarree abiddatti gamti Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti ! Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti. Guddateef dubbii harretti hin fe’an Gurra uraan bade lootiin hin sirreessu. Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa. Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti haadha laalii intala fuudhi Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani Haadhaa fi adurree hin dhaanan! Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan. Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti Haati hattuun intala hin amantu Haati kee bareeddi jennaan karaa kana dhufti eegi jedhe Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti! Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru. Hagaam ol fagaattus allaattii reeffii lafa. Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte Hamma fedhe guddatan gosa ofii hindarban. Hamma Namaa hin Geessuu Cabsa namaa hin teessu! Hamman sii massakkare beettaa jennaan hamman si tajjabee beettaa itti jedhe jedhu. Hamman siif ragaa bahe beektaa jennaan hamman si tajjabee beektaa itti jedhe jedhu. Hantuunni boolla lamaa daftee hinduutu. A rat which has two holes lives long. Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi. Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti. Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa barti ! Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa barti! Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu Harka cabsuu dadhabde dhungadhu. Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi! Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi. Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan. Harkaan kennanii miilaan barbaada deemu Harki hanna bare dooluuttuu socho’a. Harki nyaate nama hinnyaatu. A hand that has been helped doesn’t refuse to help others. Harki tokko ni dhiqa maleehin qulqulleessu. Harmaatu lama malee aannan tokkichuma Harmaatu lama malee aannan tokkichuma. Harmatu lama malee aannan tokkichuma jedhuu Oromoon. There are two breasts but the milk is the same. Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu. Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu. Harree hin qabdu farda namaa tuffatti Harree hin qabnu waraabessaanis wal hin dhabnu Harree hin qabnu waraabessaanis wal hin dhabnu. Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe. Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan Hidda malee xannachi hin dhiigu Hin bari’u seetee manatti hagde Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde ! Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne! Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi aa kaasaa Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi aa kaasaa. Hin taane kristinaan Badhaanee! Hindaaqqoon haate haatee albee ittin qalamtu baasti. Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa. Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte. Hirriibni baay’een duumessa hiyyummaati. Hirriibni hiryaa du’aati Hiyyeessa boo’icha hingorsani hinnuu jalleesee naqa. Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu wayya hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu Holqaa seenani dukkana hin sodaatan. Hoolaan abbaa abdatte diboo duuba bulchiti Hoolaan abbaa gaarii qabu dubboo ala bulcha Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti Hora bu anii dhoqqeee hin lagatan. Horiin deegaa qilee irra dheeda Horiin deegaa qilee irra dheeda. Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti. Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka Humnaan nyaataniifhumna hin ta’u. Ibidda rafe huubni achuu kajeela. Ifaan sooratan dukkana daakkatu Ifaan sooratan dukkana daakkatu. Iilkaan mutaan seene budaan seene. Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu ! Ija jirtu qorsa buusani. Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti. Ijaafii saree namarraa hin deebisan Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu. Ijji gamnaa dura boossi Ijji gamnaa dura boossi. Ijjii fi ijoolleen tika baddi. Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi. Ilkaan mutaan seene budaan seene. Ilkeen tan wal qixaatu ciniinnaa tolchaa Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu. Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti Indaanqoon ka’a ganamfattee gombisaa jala ooltin jedhuu Oromoon. Though a chicken rises early it spends the whole day under the grain store. Intallii haati jajju hin heerumtu Irra turuun farda uruudha Irra turuun farda uruudha. Isa arjaan kenneef doqna garaan dhukkuba. Itti hirkisaan kabaa hin ta’u Itti qabataaf cidhi ollaa jira Itti qabataaf cidhi ollaa jira! Itti qabataaf cidhi ollaa jira. Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re eetin Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin Iyyitee hin beektuu iyyinaan Badaa badaa jette Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa Jaamtu jaamti malee saree ija hin dhiqani. Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu Jaartii soba raftu qaqawweessi hin dammaqsu Jaartii soba raftu qaqawweessi hin dammaqsu. Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti Jaartiin Bara Buttaa Duudde hoo Luboo Jechaa hafti! Jabbiin hootu hin mar’attu Jarjaraan re ee hin horu. Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan.Aartu qotadhu jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee. Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha Jiruu fi soddaa hin tuffatani Jiruu fi soddaa hin tuffatani.Ijji badduus bakki ijaa hin baddu. Ka Arba ajjeese furrii hin baafatuu? Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku. Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti. Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette. Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan. Kan abbaan quba kaa’e oromi(namni halagaan) dhumdhuma kaa’a Kan abdatan irra kan argatantu caala. Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti. Kan akka fardaa nyaatu gaafa akka namaatti nyaate du a. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du a Kan akka walii loon walitti yaafatti. Kan barri namatti fidehiriyaan namatti qoosti Kan barri namatti fidehiriyaan namatti qoosti. Kan bishaaan nyaate hoomacha qabata Kan bonni ajjeeseganni maqaa fuudha. Kan citaa qabaa tokko namaa hin kennine mana bal’isii gorsiti Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane. Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaadu. Kan dhaabbattee si hin agarre teessee si hin argani. Kan dulloome jaarsa kan du u dargaggeessa. Kan farade dhabe harreen garmaama. Someone who doesn’t have a horse rides on a donkey. Kan gabaan dhaga e gowwaan galee niitii dhokse Kan gabaan odeessu gowwaan galee niitii dhoksa. Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi. Kan garaan yaade miilii ganamfata Kan haadhatti barte amaatiitti Kan hanna bare dooluutu sosso’a Kan harree hin qabne gaangee tuffata. Kan humnaan lafaa hin kaane yaadaan Sudaanitti nagada Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti. Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu! Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu. Kan kunootii hin argine kuunnotii hin argu. Kan lafatti wal hintaane muka wajjiin hin koru. Kan leenci naasise hindaaqoo baqata. Kan magaalaan dhageesse gowwaan galee niitii dhokse. Kan mana qabu mala hin dhabu Kan namni nama arabsi irr kan abbaan of arabsutu caala Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha Kan of jaju hin dogoggoru ! Kan of jaju hin dogoggoru! Kan offii buletu nama bulcha Kan offii buletu nama bulcha. Kan qaban qabaa hin guunnne gadhiisan bakkee guutti. kan qabuuf dabali jennaan harreen laga geesse fincoofte Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu. Kan qunnaan galata hin ta’iin daa’ullaan galata hin ta’u. Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti Kan si tumetu na qoree Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi. Kan suuta deemu qoraatiin suuta seent. A thorn slowly gets into the body of a person who walks slowly. Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu. Kan tuffatantu nama caala kan jibbanitu nama dhaala Kan waaq mure hinoolu. Kan Waaqi qocaaf kaa’e cululleen hin fudhattu jedhuu Oromoon. What God has preserved for the tortoise the eagle can never take it. Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata. Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo! Karaa foolii nun hin jedhani jette wacwacoon Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran Karaan baheef maqaan bahe hin deebi’u Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa. Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba. Karaan sobaan darban gala nama dhiba. Karkin ofii madaa’ullee muranii hin darban Katuffatantu ardaa dhaala Katuffatantu ardaa dhaala. Keessa keessa adurreen bineensa. Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti! Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti. Keessuma qamalee raafuu kessati argu Keessummaa qamalee raafuu keessatti argu. Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya Kijibni nama oolcha malee nama hin bulchu. Kophaa dhiqanii xurii hinbaasan. By washing alone one can’t avoid dirt. Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni jedhan. Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata. Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan! Lafa sooriin du’e baataatu garmaama Lafti abdatan sanyii nyaatee namni abdatan lammii nyaate Laga marqaa jennaan ijoolleen fal’aanaan yaate Lagaatu walitti yaa a malee garaan walittii hin yaa u. Leemmanni bareeddeef marqaan hin mi aawu. Leenca humnaan roorrisu qamaleen malaan ajjeefte. Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu qaawwaa namaa duuchiti Lubbuun abbaan gate lama hin bultu Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baafti Lukuun abbaanis qabu bineensis qabu iyya hin dhiistu. Maal baasuuf dhama raasu. Maal haa baasuuf dhama raasu Maali maqnee jette sareen jaamaa sagal dhalte. What’s our sin said a bitch after giving birth to nine blind pups. Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan. Madaa hamtuu fayyan malee jecha hamtuu hinfayyan. Bad wound does heal but bad word doesn’t. Madaan qubaa abbaa guba Madda bu’anii Jiidha hinlagatan. After coming to stream exposing oneself to damp is inevitable. Malaaf malli jira mucaaf harmi jira Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni. Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran! Mana balbala malee hin seenan utubaa bakka malee hin dhaaban Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan Mana haadha koon dhaqa jettee goraa bira hin darbiin Mana oormaa bareedaarra godoo ofii wayya Mana waraabessaatti foon liqii hin dhaqan Manni abbaan gube abbaa hube. A house burnt by its owner harms the owner himself. Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu Manni ija daha malee gurra hindahu Manni ija daha malee gurra hindahu. Manni of–jajjuu karaa dura Maqaa hannaa abbaatu ofirraa eega Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu. Maqaan erbaniif haarawa hin taatu Maraatanii biyya hin bulchaan mari’atanii malee. Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa. Maraattuu keessi gamna ! Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa Maraattuun keessi fayyaadha Maraatuun jecha beektu waan jettu garuu hin beektu Marartoon du a hin oolchu. Marii’ atan malee maraatan biyya hinbulchan. It is possible to administer people by discussion but not by force. Marqaa afuufuun sossobanii liqimsuufi Mataa hiyyaassaatti haaduu baru Mataa malee balbala hinbaan. Head goes through a door before the other parts of the body. Mataan du us gurri hin awwaalamu. Mi a wal fakkaatu walbiratti fannisu Mi a wal fakkaatu walbiratti fannisu. Mi’a wal fakkaatu walbiratti fannisu. Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata. Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu. Migirri lagaa gubannaan gingilchaan golaa boosse. Miila lama qabaataniif muka lama hin koran. Moluu tiyya boruufuu si abdadhe jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte Morki baduu mannaa mormi cituu woyya Morki baduu mannaa mormi cituu woyya. Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa Mucaan nyaanyaa jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu. Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu Muka beekan qoricha hin se an. Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu Muka jalaa ol Koran malee gubbaa gadi hin koran. Muka jigetti qottootu baay ata. Muka koruun nama hin dhibu bu’utu nama dhiba. Na argaa na argaan na dhoksaa fida Naatu beekaan beekkumsa hin taatu Nagaroon qoree baala bakkanniisaa harsaamessatti saadiru. Nama dubbiin nama dhibe cal’dhisan dhiban. When a person troubles you with a disappointing word trouble him with silence. Nama fardaan barbaadan lafoo argatu.Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami. Nama foon beeku sombaan hin sobani Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of xiqqeessuudha Nama horii hin beekneef lukkuun luka lamaa horiidha Nama horii hin beekneef lukkuun luka lamaa horiidha. Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu. Nama sobatanu hinsobanu. One doesn’t lie to a person he/she likes. Namaan garaan ga’atti garaan lafa nama ga’a Namaan garaan ga’atti garaan lafa nama ga’a. Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse! Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru! Namin nama abaaru nama hinfaarsu. A person with scoffing tongue doesn’t praise. Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du’a Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaate rakkata Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a. Namni dhama’iif uumame abjuun dhagaa guura Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu. Namni Farda koorse galgala kooraa baata! Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu hafa. Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du’a Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa Namni ilkaan miidhagu hidhii walitti hin qabatu Namni Jireenya isaati fakkaata. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu Namni mataa isaatii hin tolle namaaf hin tolu. Namni nama arabsu nama hin faarsu Namni namaaf qoricha. Namni namatti jennaan erbeen saawwanitti jette. Namni niyaada;waaqni niguuta. Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee. Ni ta a jennaan Harree qallee hin ta u jennaan harree gannee isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne. Niitii waa lama jaallattu gabaa hin’basin jedhuu Oromoon. Never send a woman who likes two things to the market. Niitiin afaan kaa’a barte kabaluuf jennaan afaan bante Niturra malee niurra jette boonbiin. Nuugiin tumanii nyaatan humna baaterra hin jirtu Nyaataa fi lola abbaatu tolfata Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti Obsan malee hn warroomani Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan Oduun soora (nyaata) gurraati. Of beektuun sooda lagatti. A boastful person abstains from salt. Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu. Of-jajjuun loon lamaa tikseen kuma lama. Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan Ofii jettu miyaa’i yookaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan. Ofii nyaatan ormaa laatan Ofiifu duutii maaf of huuti Okkoteen Waaqa hinbeekne eelee bishan kadhatti. A pot that doesn’t know God begs eelee ∗ for water. Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan ol kaayan ol ka ani fuudhan. Olkaa an malee ol ka anii hin fuudhani Olkaayaniif malee ol ka aniif hin fuudhan. Ollaa fi dugdaan ka an. Ollaa fi Waaqatti gadi bahu Ollaa fi Waaqatti gadi bahu ! Ollaa fi Waaqatti gadi bahu! Ollaa fi Waaqatti gadi bahu. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka ! Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka. Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin. Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin Osoo hin hubatin hin dubbattin Osoo hin hubatin hin dubbattin. Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte. Osoo raachi waccuu leenci bishaan dhugee gala. Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen Otoo fi eegeen gara boodaati Otoo garaan tarsa’e jiruu darsa tarsa’eef boossi Proverbs Qaallu salphattu nama du’utti waaman! Qaalluun kan ishee hin beektu kan namaa xibaarti Qaban qabaa hin guunnee gad-lakkisan bakkee guutti Qabbanaa’u harkaan gubnaan fal’aanan Qalbii malee ijji hin argitu. Qarri lama wal hin waraanu Qarri qara hin muru. Qawwee dhufe dubbin dhufe Qeerransa eegee hin qaban qaban gadi hin dhisan. Qeesii mataa sabbataa amajaaja dabboo sanbataa jedhu. Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam daawwitii gurgurtee harree bitatte Qoonqoon bilchina eeggattee qabbana dadhabde Qoosa ilaa jettee ballan. Don’t be careless to an eye said a blind person. Qorichaofii beekan namaa kudhaamu Qotee bulaa doofaan miila kee dhiqadhu jennaa maalan dhiqadha borus nan qota jedhe Qottoon maal nu godhe kan nu miidhe muka keenya isa jallate dha jedhan mukoonni jigan jedhan. Qulqullummaa guddaan qullaa nama dhaaba. Qunceen wal gargaartee arba hiiti. Qunnii buqqisaniit abaabilleetti darbu Qunnii buqqisaniit abaabilleetti darbu. Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii jedhan Qurcii dhaan aboottadhu jennaan qophoofneerra jedhe Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka. Raafuu fixee rafuu dide Raafuu fixee rafuu dide. Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan Re’een baala agarte qeerransa hin argitu Re een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti Re een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti. Re’een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti. Re’een kan tokkoo raafuun kan tokkoo kis jennee kiisii dabalanne. Reeffa firaa torba garagalchu. Roobiin galaana keessaa bahee fixeensa arraaba. Roobiin garbaa baatee fiixeensa arraabdi. Sa’aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu Sabab jette ballaan farda yaabdee. Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya Sagal ka’uu irra sagal waamuu wayya Sagal ka’uu irra sagal waamuu wayya. Sagaliin Akaafee diddeet diddiimattii. ~ Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade. Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru Sanga boonni ajjeese ganni maqaa fuudha. Sangaan bara qote hedata! Sangaan bara qote hedata. Sangaan biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata. Sannyii Kan facaasantu marga jedhuu Oromoon. What is sow will sprout. Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba. Sanyiin waan facaasan magarti Sanyiin waan facaasan magarti. Saree adeemtuu dill uu goromsaatu darba. Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu Sareen duttu nama hin ciniintu Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati! sareen qaroon untee qadaaddi. A wise dog covers a container after drinking what it contains. Sareen sarbaa hinqabdu mukarbaa hinyaabbattu. Sareen warra nyaattuuf dutti Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti Shuummoo dhowwannaan keenyas warri amma du a . jedhe gowwaan. Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami. Silaa hinolu kajeelaa dura waami. Since he is going to come anyway invite the freeloader first. (i.e. accept the inevitable). Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti. Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan. Soddaa fi dayma hin duudhatan. Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan! Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan. Soddaan dhufe jedhanii gu aa hin elmani. Soogidda ofiif jettu mi’aayi kanaachi dhakaa taata spoiled. Surree namaa ergisani irra hin taa inii hin jedhani Surree namaa ergisani irra hin taa inii hin jedhani. Suuraan gaariin abbaa fakkaata. Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti. Taa’anii fannisanii dhaabatanii fuudhuun nama dhiba Taakkuun dhuftee dhundhuma deemti. Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti! Tafkiin gaafa haxaawan gowwaan gaafa gorsan itti abaasa Tafkiin lafatti walnyaatti namarratti wal baatti. Takkaa dhuufuun namummaa dh lammmeessuun harrummaadha Takkattii qayyannee taduraa hanqannee ykn takkaa qayyannee lukaa gubanne Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati. Tiruun bulte lafee taati. tokko kophee dhabeetu booha tokko immoo miila dhabee booha Tokko namaatu nama dida kan lammata abbaatu of dida Tokko namaatu nama dida kan lammata abbaatu of dida. Tufani hin arraabani Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi dhullaan qabde Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi dhullaan qabde. Tuulamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa Ulee bofa itti ajjeesan alumatti gatu Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe. Utuu ani gaafaaf bohuu gurra nakutani jette harreen. While I cry for horns they cut my ears said the donkey. Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan! Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa. Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte Waan karaa jiruu fi waan garaa jiru hin beekan. Waan qabaniin gabaa bahu Waan qabaniin gabaa bahu. Waan samii bu’e dacheen baachuu hin dadhabu Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haddi Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haddi! Waan waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu. Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti Waaq nagaan nu oolche nagaan nu haa bulchu. Kan nagaan nu bulche nagaan nu haa oolchu. God has given us a good day may He also give us a good night. He that has given us a good night may he also give us a good day. Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan. Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate. Wacitii abbaan cabsee kaa e kan dhiqee kaa e itti kakata Wacitii abbaan cabsee kaa’e kan dhiqee kaa’e itti kakata. Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu Wal qixxeen wal fixxee. Wali galan alaa galan Walii galan Alaa galan ja e jaarsi oromoo dhaddacha jala taahee. Walii galan Alaa galan ja e jaarsi oromoo dhaddacha jala taahee.. Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota. Wallaalan bishaan keessatti dheebota. Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban Waraabessa darbee sareen dutte Waraabessa darbee sareen dutte. Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu. Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise. Waraabessi waan halkan hojjete beekee guyyaa dhokata Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe! Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe. Warra afaan walii beekuu harreetu balbala cufa Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu. Warri Badu Walhinbadadu. A discordant family doesn’t care for its members. Warri guddaan aduurree wasaasaa baata Warri guddaan aduurree wasaasaa baata ! Warri guddaan aduurree wasaasaa baata! Warri marii qabu dibicha qalata warri marii hinqanne raadaa qalata. A concordant family slaughter a young bull while a discordant one slaughters a heifer. Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari ee Wol akkeessee ollaan marqa balleesse jette intalti ofiin bultun . Wol jaalateef lafoon woli hin hudeeltu! Yaa cubbuu essa dhaqxa jannaan bakka itti na ergan jatte. Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhan. Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe. Yaa marqaa sii afuufuun sii liqimsuufi jedhuu Oromoon. Dear porridge the reason why I blow when your hot is so that I can swallow you more easily. Yaadni hamaan nama huqqisa. Yaawaaq siifan ka’a achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana him baatu. Yoo baay’ate dammis ni hadhaawa. yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu Yoo dheeraan tarkaanfii malu gabaabaan hulluqaa malata. Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi. Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re’eetiin Yoo rakkatan fala barbaadan Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti Yoon ani du e araddaan hin margin jette harreen. Yoon ani du’e araddaan hin margin jette harreen. Akkan itti dhales akkan arraabbadhus anatu beeka jette xaddeen. durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe arrumaa salaattee arrumaa maraatte yaanni karaa hin dhaleessu harreen fe aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti Ka qotiyyoon iyyu qacceen iyyiti Ni ta a jennaan harree qallee hin ta u jennaan harree gannee Nyaadhee sifixuu dadhabus haadhee siballeessuu dadhabbaa jette lukkuun. Osoo wajjiin gallee hoolaa walii qallee jette jeedalli sareen Yaa marqaa si afuufuunko si liqimsuufi. jedhe jaarsi. Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani. Aanaan reeffatti aana. A person stays close to a dead body of his relative. Abba hin qabdu akaakyuuf boochi Abbaa tuffatan jalatti ilmoo dhaanu. Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu! Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu. Abbaan mana jiraa gurri ala jira Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani Abjuun bara beelaa buddeen buddeen jetti. Abshaalli ofii nyaatee gowwaa afaan diba. Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee Addaatef ilkaan alanfachuu hin dhiisu Adurreen garaa muratte leencaan qixa nama sodaachifti Adurreen keessi bineensa! Afaan gaariin afaa gaarii caala Afaan lafa taa’u lafee alalcha. Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa Akka beekutti dhalaa(dahaa) nadhiisaa jette intalti harka namaa diddu Akka ebaluutti sirbaan morma nama jallifti jette intalti qalbii qabdu. Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan. Akka isaa beekaaf bofa miila dhorke. Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate Alaa manatti galan. Alaagaatti garagalii afaan kaawwadhu firatti garagalii liqimsi. Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa Ameessi okolee dide okkotee hin didu. Ani hoo duruu gubattuu dha jette beddeen mana keessa gubattee Ani hoo duruu gubattuu dha jette beddeen mana keessa gubattee! Argaa toleef goromsi hin ottoomu Arge jettee hin foksin dhagahe jettee hin odeessiin Ari ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi. Ari’ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi. arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti Asuu oolle jette tan heerumaaf muddamte Badduun fira ishee yoo hamattee baddubaatuun niiti ishee hamatti Bagan kufe bagaan ka’e kan naqabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi Bakka hin rafnetti hin muugan. Bakka oolan irraa bakka bulantu caala. Bakkuma dhaqqabani kan hoqqatan Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa Bara gaddaa mataa lafa godhu. Baraa fi furguggee gad ja anii dabarsanii. Baraan barruu horan Baraan barruu horan! Baran barruu koran Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata. Bari fallana takka namaa fodogaa takka nama fondoga Beekaan afaan cufata malee balbala hincufatu. A wise man shuts his mouth but not his door. Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan Bishaan darbe hin waraaban Bishaan malaan woddan! Bobbaa yoo tolan gala tolan Bor hin bekneen qoda- bukeen ishee lama! Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama. Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii kadhatu Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti Cubbuun takka tratii takka dhaqabdi. Sin goes slowly but reaches timely. Daakaniif hin marqan dharra’aniif hin argatan. Dabeessa uleen (jirmi) shani Deegan malee waqayyo hin beekani Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti Dhabaaf malee sombi kan sareeti Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti. Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu. Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan. Dhugaan hin qaldhatti malee hin cittu! Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi. Dubbannaan dubbii ta’e hooqqannaan cittoo ta’e. Speaking gave me troubles scratching gave me scabies. Dubbii fi gororri abbumatti mi’aya. Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya. Dullachi waan garaa qabu alba’a. Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli Duutu duuti malee saree ija hin dhiqan. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani. Ejersa halaalaarra qobboo qe’ee wayya. Farda hidhatan machiin tolti. Fardaa fi harree okaa itti haamu ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu jedhe qottiyyoon Firoomne jedhanii waraabeessatti foon hin fe’atan. fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti. Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti. Foonii garaan nudadhabee Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan. Gaashatti dhuufuun daalattii dha Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti. Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan. Gama sanaa garbuun biile (asheete) jennan warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe jaldeessi Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee Gorsa diddu du a hin diddu. Gowwaa al tokko arrabsi innuu lammata of arrabsa. Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a. Gowwaan gaafa deege nagada Gowwaan guyyaa cidhasaa machaa a. Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu Gubattee hin agarree abiddatti gamti. Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu Guulaa hin bitiin jiilaa biti Haadhaa fi adurree hin dhaanan Haadhaa fi adurree hin dhaanan. Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan. Hafaasaarra afaansaa Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti. Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu. Hantuunni hadha ishee jalatti gumbii uruu bartii Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu. Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu. Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan Harkaan kennanii miilaan barbaada deemu. Harki hanna bare dooluuttuu socho a Harree hin qabdu farda namaa tuffatti. Harreen fe aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa’u jette waraabessaan Hidda mukaa lolaan baaseetu hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu Hojiin Waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu ! Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu. Holqaa seenani dukkana hin sodaatan Hora bu anii dhoqqeee hin lagatan Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa Ibiddi garaa foon hin waadu Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu! Ijaafii saree namarraa hin deebisan. Ijji dhugaan boosse imimmaan hin dhabdu Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama. Ijoolleen quufne hin jett garaatu na dhukube jetti malee Ilkeen tan wal qixaatu ciniinnaa tolchaa. Intalti ariifattuun haadha ciniinsuubarsiifti Irreen hin moyan alagaan hin boonan Itti himne yoo dhageesee itti kennine yoo olkeesee Itti himne yoo dhageesee itti kennine yoo olkeesee. Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re eetin. Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin! Iyyitee hin beektuu iyyinaan Badaa badaa jette. Iyyuuf bakkeen naguma dhiisuuf laphee na guba Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti. Jabbiin harree waliin oolte dhuufuu bartee galtii. if only our tongues were made of glassthen we would be very careful when we speak! Jarjaraan re ee hin horu Jarjaraan re’ee hin horu. Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu Kaanittuu abbaa argadhu jette haati intalaan. Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani Kan afaanii bahee fi kan muccaa bahehin deebi’u Kan citaa hinqabneef kan citu baasti Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin. Kan firaaf jabaanaa hin dhaabne ormaaf eegee dhaabdi. Kan gabaan dhaga e gowwaan galee niitii dhokse. Kan harree hin qabne farda tuffata Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru. Kan mana qabu mala hin dhabu. Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha. Kan of jaju hin dogoggoru Kan qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti. Kan si tumetu na qoree. Kan waaqni namaa kaaße cululleen hin fudhattu Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo. Karaa dheeraa milatu gabaabsa dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa Karaa malee deemuun laga nama bulcha. Going on a wrong way makes someone face a problem. Karaaf dubbii arganuu dhiisan. One turns back from road and dubbii (abnormal speech) observing them. Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa Karaan sobaan darban gala nama dhiba. Keessummaan akka warri bulutti bulti. A guest sleeps in a manner the host sleeps. Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata Kofoo namaa ergisanii irra hin taa in hin jedhan. Kokkolfaa nama nyaatti golfaan. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu. Kursii irra taa’anii muka hin hamatani Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan. Laftis bahii jette jaartiin faeda irraa kuftee Laftis bahii jette jaartiin faeda irraa kuftee ! Lagaatu walitti yaa’a malee garaan walittii hin yaa’u. Leenca biyya ofii yoo ajjeessan saree biyya ormaatu nama nyaata. Lubbuun abbaan gate lama hin bultu. Malaaf malli jira mucaaf harmi jira. Mana balbala malee hin seenan utubaa bakka malee hin dhaaban. Mana haadha kootiin dhaqa jettee goraa bira hin darbin. Mana waraaabessaatti foon liqii hin dhaqan Manni of–jajjuu karaa dura. Maqaa ni bitan malee hin gurguran. Maqaan erbaniif haarawa hin taatu. Maraatanii biyya hin bulchaan mari’atanii malee Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa Maraattuun keessi fayyaadha. Maraatuu keessi gamna! Marartoon du a hin oolchu Mari’ataan gowwaa hin qabu Marqaan distii badaa miti irri ni bukata jalli ni gubata Midhaan eeguun baalatti hafe Mila mataa hoo’qu. The feet scratching the head. Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu Moluu tiyya boruufuu si abdadhe jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte. Moluu tiyya boruufuu si’abdadhe jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte. Morkii dhaaf haaduu liqimsu Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu. Muka beekan qoricha hin se’ an. Muka jalaa ol Koran malee gubbaa gadi hin koran Nama duloometu waa hima. It is an elderly person who tells something. Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of xiqqeessuudha. Jaarsi du’aa adeemu si hin abaariin bishaan gu’a gahe si hin nyaatiin. Nama jaalatan bakka rafisan hindhaban. One doesn’t lack a bed for a person whom he loves. Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko Namin ofiif hintolle ormaaf hintolu. A person who can’t help himself can’t help others. Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada. Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura. Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu ! Namni farda koorse galgala kooraa baata. Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha Namni ilkaan miidhagu hidhii walitti hin qabatu. Namni kadhachuu hin dhiisu rabbi waan murtee hin dihiisu. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu. Namni namumaa ija nyaadhu jette allaattiin Namni ulee baatee hin deemne sareef sagadaa deema. Ni ta a jennaan harree qallee hin ta u jennaan harree gannee isumaafidaa jennaan dhaqnee dhabne. Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti. Odoo kolfatuu ulfooftee gaafa daya booche. She conceived while laughing and cried during labour. Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte Of jajjuun saree qarriffaan udaani Of-jajjuun loon lamaa tikseen kuma lama Ofii jettu mi’aa’i yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe Ofiifu duutii maaf of huuti. Okolee diddu okkotee hin diddu ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan! Olkaa an malee ol ka anii hin fuudhani. Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri Ollaa fi dugdaan ka’an. Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa ta’a Osoo garaan addaan nama hin baasin karaan addaan nama baasa Qaallu salphattu nama du’utti waaman. qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti Qabeenyi fixeensa ganamaati Qeeransa eegee hin qaban qaban hin gadhiisiin. Don’t grab leopard’s tail. If you do don’t let go. Qeerrensa eegee hin qaban qaban gad hin dhiisan. Qeerrensa eegee hinqaban qaban gad hin dhiisan. Qoree dur dirteef hiyyessi okkola Qottoon maal nu godhe kan nu miidhe muka keenya isa jallate jedhe mukni jigan jedhan Roobuus caamus ijii misiraa lama Sangaan bara qote hedata Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati. Sareen sarbaa hin qabdu mukarbaa hin yaabbattu. Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan Shanis elmamu kudhanis kan koo qiraaciitti jette adurreen SHinbirroon laga lagaa Afaan Afaan dubbattii Silaa dhufa hin oolu kajeelaa dura waami. Sirnaan yoo Ejjatan seera uumaa Eeggatanii ja an. soddaan sodaa dha. Soogidda ofii jettu mi aayi anaa jettu dhagaa tahi Sossobbiin madaa hin foyyessu Suuta Ejjatan suuta qoreen nama waraanti. Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti Tafkiin utaaltus laga hin ceetu Tanaa warri rafnaan jette sareen Tika didaan dhiyaana dida Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti Waan waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti. Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate Waaqni duumessaa’e roobuu hin oolu Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu! Wal sobuu mannaa wal gubuu Wayya jedhuu Oromoon. Rather than lie to each other it is better to fight it out. walii galan alaa galan. Wallaalan bishaan keessatti dheebota Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban. Waraabessi bakka takkaa nyaatetti sagal deddeebi’a Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaajedhe ! Warra afaan walii beekuu harreetu balbala cufa. Warri guddaan aduurree wasaasaa baata. Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari ee. Wolalaan bishaan biratti dheebota! Yaa saree otoo waan sin jedhan beektee waan siif kaa an hin nyaattu. Yaraadha jennaan kan nadheen dhiitu. A bad man is he who kicks a woman. Yoo ala dhiisan mana seenan yoo mana dhiisan eessa seenan Yoo baay’ate dammis ni hadhaawa Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan. yoo ta’eef miinjee naa taata jette intalli Akka ijakoo maaltu naaf kajeela? jette sareen. Anatu farda se’ee harreetti ukaa haame. jedhe namtichi. Ani hin hanbifannee ati hin qalbifanne jedhe namichi Ani hin hanbifannee ati hin qalbifanne jedhe namichi. Ani hin hanbifannee ati hin qalbifanne jedhe namichi. Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani Godaa mannaa godoo wayya jette haftuun. Iji fardaa luugama. jennaan gowwaan farda jaamaa bitee gale. Iyyan malee hin dhalchanii? Jedhe kormaan hoolaa korbessa re’en. Maali fardi ni maraatee? jedhe waraabessi hari’ee dadhabee. Maqaan baduu mannaa mataa baduu wayya jette gondaan ciniintee haftee Maqaan baduu mannaa mataa baduu wayya jette gondaan ciniintee haftee. Na nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa u jette harreen waraabessaan. Osoo gubadhuu kolfa jette akaayiin Eboo darbatanii jinfuu hin qabatan Sangaan biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata Yaa anaa durii jette cirrin fadrdarraa kuftee. Yoo waraabessarraa hafte keenya jette sareen harreedhan Yoo waraabessarraa hafte keenya jette sareen harreedhan. Aaki Jedhan waa tufan Mammaakan waa himan Aaki Jedhan waa tufan mammaakan waa himan. Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu jedhuu Oromoon. Just because the father eats honey it does not mean the son’s mouth is sweet. Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu. Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete! Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete. Ani badeen waan bade hin galchitu Anuma xuuxxa malee xuuxxee waa nan xuruursituu Arrabakoo yaa laxxisaa situ faallee na hanqisa Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani Bakka oolan irraa bakka bulantu caala Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti. Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhumaa Boora u malee hin taliilu Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama. Cubbuun dura furdifte booda qallisti. Sin makes someone plump at first and emaciated later. Dheebotan malee mi’aa bishaani hin beekan Dhugaa Waaqa hin dhoksan qullaa lafa hin dhoksan. Dinnichi bakka gobbattetti hordaa miiti. Du’arraan baqadhatti mana du’aa seente Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi. Eee amma naaf ifee jedhe maraatan mana gubee. Fardi badaan farda balleessa. Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan! Galaanni bakka bultii hin qabne gudeelcha guuree deema. Garaa laafinatti alaltuun bishaaniin nyaatamte. Garaa nagaa qabu sukkuumuun dhukkuba itti fiduudha Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha! Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii. Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati Goondaan wal qabatteet laga ceeti Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka maleetti sitti odeessa karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa Guddateef dubbii harretti hin fe’an! Haadha hinqabdu hakkoof boochi/boossi Halagaa ilkaan adii halangaan isaa sadi Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu. Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu! Hin bari u seetee manatti hagde. Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde! hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe Hirribin hiryaa du’aati Hirriibni hiryaa du’aati.Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa. Hiyyeessi har’aa quufeen bulaatti duutee bulti Horii abbaan gaafa cabse ollaan ija jaamsa. Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu. Ijji badduus bakki ijaa hin baddu Ijjii fi ijoolleen tika baddi Ilkaan walbira jirutu waa ciniina. Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti. Itti qabataaf cidhi ollaa jira !Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha ! Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu waan achisutu garaa jira Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin! Jibichi essatti eeganii jabbii kessa oola Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa Kan quufe ni utaala kan utaale ni caba Kan waaq uwwise hindaaru. Keessa marqaa boojjitootu beeka Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti ! Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan. Lagaatu walitti yaa a malee garaan walittii hin yaa u Madaan qubaa abbaa guba. Mammaaksi tokko tokko dubbii fida tokko tokko dubbii fida Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran ! Manni of – jajjuu karaa dura Maqaa ni bitan malee hin gurguran Morki baduu mannaa mormi cituu woyya! Muka kufetti qottoon baay ata. Naatu beekaan beekkumsa hin taatu. Nama abbaa jedhaniin obboo hinjedhan. One doesn’t call someone brother after he has called him father . Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheessa. Namni dhadhaa afaan kaa’an dhakaa afaan nama kaa’a Namni gaafa irrechaa duude sirba irreechaa sirbaa hafa Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu. Niitiin dhirsaaf kafana Qabanootuharkaa hoo’itu fal’aanaan Qaroo dhabeessi maal barbaadda jennaan ifa jedhe Qilleensarratti mana hin ijaaran. Qunceen wol gargaartee arba hiiti jedhuu oromoon. A strip of bark united will tie an elephant. Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani. Re’een baala agarte qeerransa hin argitu. Sa’aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu. Saddetin heerume jarjarrsaa akka baranaa hin agarre jette jaartiin salgaffaa irratti waraabessi bunnaan Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti Tuullamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan Waa’een garbaa daakuu fi bishaani Waan biyyaa bilbilli iyya. Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan. Waan kocaan kaa’e allaattiin hin argu Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti. Waaqni hinariifatu lafa jedhe hinoolu Wallaalaan waan beeku dubbata beekaan waan dubbatu beeka Yaa saree ciini akkami jennaan isa quufe hin kadhatu isa beela e immoo ni dhowwatu jette. Ani hoo duruu gubattuu dha jette beddeen mana keessa gubattee ! Foontu fooniif rifata. Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani. Haadha hinqabdu hakkoof boossi. Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne. Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha. Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti Niitiin afaan kaa’a barte kabaluuf jennaan afaan bante. Aartu qotadhu jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula Waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula Waaqatu nama tolcha jedhe Jaldeessi. Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha jette tafkin. Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin jette sokoruun. Anaaf boossan se’e edaa ijatu si dhukkubaa? jedhe jaarsi kufee. Aseennaa natu dide kennaa warratu dide otoo nabutanii maal ta’a laata jette intalli haftuun Bagan si arge jennaan bagan si hin dhokatiin jedhe hattuun abbaa manaatiin Bagan si’arge jennaan bagan si hin dhokatiin jedhe hattuun abbaamanaatiin. Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen. Dhabaan hin galani jette haati hattuu Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya Farda maaf harkifta? jennaan nan jarjara. jedhe namtichi. Godaa mannaa godoo wayya jette haftuun Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hin qooru Ija jirtu qorsa buusani Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane. Maali fardi ni maraatee? jedhe waraabessi ari’ee dadhabnaan. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya jette gondaan ciniintee haftee. Moo yaa afaan jedhe funyaan. Muka biyya jiruun mana ijaaran Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna jedhe waraabessi. Numaaf haati hin bane jedhe gowwaan haadha ajjeese Oduuf na qalani jette lukkuun Oduuf na qalani jette lukkuun. Osoo wajjiin gallee hoolaa walii qallee jette jeedalli sareen. Osoo wajjiin gallee hoolaa walii qallee jette jeedalli sareen. qilleensarratti mana hin ijaaran Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa? jedhe manguddoon oromoo. Sooqidda ofii jettu mi aayi anaa jettu dhagaa tahi Takkuman kufee suutan ka’a jette jaartiin Waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennani jedhe waraabessi. Yaa saree cidhi akkami? jennaan isa quufe ni kadhattu isa beeline ammoo ni dhoowwattu. jette. Yoo waraabessarraa hafte keenya jette sareen harreedhan. Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan. Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen. Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata. Abbaa hinqabdu akaakayyuuf boosi jedhan. He does not have a father so he cries for his grandfather. Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu. Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu. Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu Abbaan mana jiraa gurri ala jira. Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu. Abbaanuu hin gallee fardaaf booyyanni Abbatu of mara jedhe boofni Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani. Abjuun bara beelaa buddeena abjoota Adaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru. Adala gowwoomsuun suuta suutan Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee. Adda nyaataniif hin gabbatani Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko Adurreen garaa muratte leencaan qixa nama sodaachifti. Adurreen keessi bineensa Adurreen keessi bineensa. Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu. Aduurree barri qabe hantuutni eegee nyaatti. Afaan Ajaa wajjiin yaa uu dadhabnee ja e ja an waraabessi Afaan gaariin afaa gaarii caala. Afaan gaarin afaa gaari caala Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa ! Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa. Afaan lafa taa’u lafee alalcha! Afaan lafa taa’u lafee alansha! Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa! Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa. Akka abaluun sirbaan boquu nama jallisa jedhan. Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan Akka Abaluuttin sirbaan morma nama jallistii Akka Abaluuttin sirbaan morma nama jallistii. Akka beekan bulan Akka cabanitti hin hokkolan. Akka cabanitti okkolan. Akka cabanitti Okkolanii. ~ Akka dida’aa fi akka didanaatti na galchi Akka Durii fi Harka xuriitti hin hafan ! Akka durii fi harka xuriitti hin hafan. Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete Akka kufanii hin cabani Akka ormaa sirbaan morma nama jallissa! Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa. Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute. Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate. Alagaa fi dukkanatti ija hin babaasan Alagaa fi dukkanatti ija hin babaasan. Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa. Allaattiin fira fakkaattee simbira nyaatti. Amali Hamadan abba rakkisa jedhuu Oromoon. Evil habits give birth to problems. Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin Ana bakki na dhukubu asii mitii maraafuu bakkuma gooftaan kiyya jedhe san kooba jette bookeen. Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan buute! Ani badeen waan bade hin galchitu. Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa gubattee Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta Argaa toleef goromsi hin ottoomu! Arge jettee hin foksin dhagahe jettee hin odeessiin. Ariifataan hori gata. Arrabakoo yaa laxxisaa situ faallee na hanqisa. Arrabni ofii gaaddisa ooltee abbaa aduu oolchiti. Arrumaa salaattee arrumaa maraatte. Ati baldi ta dhiirsa ka’imaa jette intalti abbaan manaa isii jaarsaa. Baay’ateef dubbii harretti hin fe’an. Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan Badiin saree gaafa duute Bagan kufe bagaan ka’e kan naqabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi. Bakka arfaasaa dhaabbatan birraa dhaabbatu Bakka arfaasaa dhaabbatan birraa dhaabbatu. Bakka itti citanitti citaa haammata Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani. Bakka rabbi itti nama hidhe funyoo malee ijaajju Bakka rabbi itti nama hidhe funyoo malee ijaajju. Bakka sareen jirutti namatu dhuufee hin gaafatan. Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu Ballaan fira qabu ila qaba. A blind person who has relatives can see. Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa. Bara humna qaban sagaliin lolu bara humna hin qabne sagalee tolu Baraaf furgugoo gad jedhani jala darban. Baran barruu koran. Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani Bari fallana takka namaa fodogaa takka nama fondoga. Barri ni darba taajjabni ni tura. Beekaa fuulaan deebisi gowwaa tuqii beeksisi. Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu Beekan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu. A wise man shut his mouth not his door. beela e immoo ni dhowwatu jette. Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan. Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti Bishaan darbe hin waraaban. Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe Bishaan mataa gahe miila hin hanqatu. Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhuma. Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhumaa. Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan Bobbaa yoo tolan gala tolan. Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu Boora u malee hin taliilu. Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan Boriif boorri jira. Boriif boorri jiraa Boru hin beeneen qodaan bukoo ishee lama! Bubbeef bara hamaa guguufan bayani. One goes by wind and hard time by bowing down. Buddeena nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan. Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka Caama ganamaa kan beekuutu ho ifata Caama ganamaa kan beekuutu ho ifata. Cabaan baqaqatti erkate. Cabaan baqaqatti irkate Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du a gannaa rabbiitu namaan dida. Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa. Cuunfaa baay isuun dubbii gogsuudha Daalun xaraan kaanu tara. Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha. Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu. Deeganiif hin du’an. Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu Dhaadachuun marqaa hamma abiddarra jirtutti. Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti. Dhabaaf malee sombi kan sareeti.Qaroo dhabeessi maal barbaadda jennaan ifa jedhe. Dhagaheef heerumtee argeef deesse Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee. Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jett Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti. Dharraa fooni hancooteen hin’baasu jedhuu Oromoon. The craving from meat cannot be cured by eating a root plant. Dhibeen finyaan qabe hidhii hinanqatu.A disease that has infected the nose doesn’t fail to reach the lips. Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu Dhugaan hin qallatti malee hin cittu Dhugaan niqallatti malee hincabdu. Although it is thin truth doesn’t break. Dhugaan niqallatti malee hincittu. Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase. Diddu diddi malee saree Ija kuulan Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu Du’arraan baqadhatti mana du’aa seente. Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti. Dubbii baha hin dhorkani galma malee Dubbii barbaada sareen gabaa baati Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi’ani Dubbii jaarsaa ganama yoo didan galgala itti dhufan. Dubbiin dubbii fida. A vicious word gives rise to another vicious word. Dubbiin rabbi suuta Dubbiin rabbi suuta. Dubbin dubbii fida mammaaksi dubbii fixa. Trouble will only bring trouble but a proverb can end troubles. Dullachi waan garaa qabu alba’a Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli. Durba qaban qabaa qaddi. Abusing a girl is calling for a problem. Durbaa fi dhagaa laguma ofiitii baafatu. Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde Duulli amma oduu hin gahu! Duulli biyya wajjinii godaansa Duutiifi dullumni hin hafan Eboo darbatanii jinfuu hinqabatan. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani Eeboo darbatanii jinfuu hinqabatan. Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira eega dubbii dadhabee Ejersa halaalaarra qobboo qe’ee wayya Fagaara dhuufetu na’a jedhuu Oromoon. A farting buttock is frantic. Farda hidhatan machiin tolti Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin Fardaa fi harree okaa itti haamu ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu jedhe qottiyyoon Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu Fiigee fiigee kormi sangaa ta a Fiigee fiigee kormi sangaa ta’a. Fincaan lukkuu kan arge haa himuu. Fira dura bahan malee fafa duraa hin bahan. Firaan boonu malee firatti hin boonan. Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu Fooliin gaariin kannisa harkisa Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti ! foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe Foon naaf kenneet albee na dhorkate Foontu fooniif rifata Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu. Gaalli yoom bade jennaan gaafa morma dheeratu bade Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa a Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu Gadheen niitii dhiirsa hamatti Gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hinyaadatu. Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema Galle jette lafoon farda jala galtee Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha Gara barii ni dukkanaa’a Garaa laafinatti alaltuun bishaaniin nyaatamte Garaa murtii murate bishaan raafuutu gabbisa Garaa nyaanni seene yaanni hinseenu. Garaacha dheedhii garaatti beeki. Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya. Garaan murtii hin qabne diina abbaati. Garbbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha ! Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan! Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti. Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee. Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte. Goondaan walqabattee laga ceeti Gorsa diddu du’a hin diddu. Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu Gowwaa sobii Qaroo qeensaan qabi! Gowwaan ballessaa isaa irraa barat gamni balleessaa gowwaa irraa barata Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota Gowwaan dhungoo hin beekne furriin nama balleessa. Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba Graan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya ! Gubattee hin agarre ibiddatti gamti Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti! Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu. Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa Haadha hin qabdu akkoof boossi. Haadha laalii intala fuudhi. Haadha laalii intala fuudhi.ijaaran Haadhaa fi adurree hin dhaanan ! Haalle luyyaa Yaa rabbi sooressa ajjeesi Nyaannee dhugnaa jedhee abbateen taskaara yaade jedhuu. Haati hattu intala hin amantu. Haati hattuun intala hin amantu. Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti ! Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti. Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru Hafaasaarra afaansaa. Hagam ol fagaattus allaattii reeffi lafa Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti Hamma fedhe guddatan gosa ofii hindarban Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu Hamman sii massakkare beettaa jennaan hamman si taajjabee beettaa jedhe jedhu Hanqaaquu keessa huuba barbaada Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa barti Har’allee moo jette haati ijoolleen beelofne (shoomofne) jennaan isiin bakka cidhaatii quuftee waan galteef Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu Harka abbaa tokkotin ibidda qabbaachuun nama hindhibu jedhu Oromoon. It is easier to catch a flame using another’s hand. Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan! Harkaan Gudunfanii Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu Harkaan harka fuudhan. One receives a hand by his hand. Harki dabaruu wal dhiqxi Harki hanna bare dooluuttuu socho a. Harki tokko ni dhiqa maleehin qulqulleessu Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu. Harree ganama badee galgala kur-kuriin hin argitu Harree hin qabnu waraabessa wajjin wal hin lollu Harree hin qabnu waraabessaanis wal hin dhabnu jedhan. Harreen fe’aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti. Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree? Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu. Heeruma dharraanee(hawwinee) heerumnaan rarraane (rakkannee) Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan. Hidhaa yoo tolcha gadi garagalchanii baatu Hin bari u seetee manatti hagde Hin barihu Seetee Gorduubatti hagde. Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi’aa kaasaa Hindaaqqoon haate haatee albee ittin qalamtu baasti Hindaaqqoon haate haatee halbee ittin qalamtu baasti Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte Hirriibni baay’een duumessa hiyyummaati Hiyyeessa boo icha hin gorsan innuu jalleesee naqa. Hiyyeessa boo icha hin gorsani hinnuu jalleesee naqa Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu wayya. Hiyyeessi har’aa quufeen bulaatti duutee bulti. Hojiin Waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu! Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte Hora bu’anii dhoqqeee hin lagatan Horii abaan gaafa cabse ollaan ija jaamsa. Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti. https://oromedia.wordpress.com/mammaaksa-oromoo/ Hudduun guddateef dhuufuu hindhowwu. Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka. Humnaan nyaataniifhumna hin ta u Humnaan nyaataniifhumna hin ta u. Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa. Ibidda rafe huubni achuu kajeela Ibiddi garaa foon hin waadu. Iilkaan mutaan seene budaan seene Iilkaan mutaan seene budaan seene Moluu tiyya boruufuu si abdadhe jedhe jaarsi aduun mtaa dhoofte. Ija jirtu qorsa buusani Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu Ijji dhugaan boosse imimmaan hin dhabdu. Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu Ilkaan arbaa waliin dhahan malee wayiin dhahan hin cabu. Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce’a Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda. Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti Irbaata warra wallolee araarsituutu nyaata. Irreen hin moyan alagaan hin boonan. Itti qabataaf cidhi ollaa jira ! Ituu beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan. Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re’eetin. Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin. Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi. Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan edana akkamitin arka jedhe Jaamtu jaamti malee saree ija hindhiqan. Jaarsi du’aa adeemu si hin abaariin bishaan gu’a gahe si hin nyaatiin Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin. Jaartiin Bara Buttaa Duudde hoo Luboo Jechaa hafti ! Jaartiin ofiin teesssuma baddee na jala ilaaltan. jette. Jabbiin hootu hin mar attu Jarjaraan re’ee hin horu Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan. jette lukkuun Jiruu fi soddaa hin tuffatani. Jiruun tole harma jige kaasa. Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu. Ka biraa yoo dhahan kan hin beekkanne isaa yoo dhahan hin beekkatu Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa Kan abdatan irra kan argatantu caala Kan akka Fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du a Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du’a. Kan akka walii loon walitti yaafatti Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu? Kan bonni ajjeeseganni maqaa fuudha Kan citaa hinqabneef kan citu baasti. Kan dandeessu dhaan jennaan gowwaan galee nitii dhaane Adaamiin ollaa hagamsaa jiru bara baraan boo’aa jiraata Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu Kan dhaabbattee si hin agarre teessee si hin argani Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin Kan dulloome jaarsa kan du u dargaggeessa Kan dulloome jaarsa kan du’u dargaggeessa. Kan gabaa dhagahe gowwaan galee niitii dhokse Kan gabaan dhaga’e gowwaan galee niitii dhokse. Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi Kan garaan yaade miilii ganamfata. Kan haadhatti barte amaatiitti. Kan harree hin qabne gaangee tuffata Kan hordaa natti fiiges kan haaduun natti kaates bagan arge jette saani du’uuf edda fayyitee booda Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa. Kan ilkaan dhalchu kormi hin dhalchu Kan ilkaan ofii dhalchu kormi hin dhalchu Kan ilkaan ofii dhalchu kormi hin dhalchu. Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu Kan lafatti jibban siree namatti korti. Kan leenci naasise hindaaqoo baqata Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane. Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha. Kan of jaju hin dogoggoru. Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti Kan qaban qabaa hin guunnne gadhiisan bakkee guutti Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu Kan qunnaan galata hin ta iin daa ullaan galata hin ta u Kan qunnaan galata hin ta iin daa ullaan galata hin ta u. Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti. Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi . Kan soogiddi ittoo mi eesse barbareen maqaa itti fudhatte. Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu Kan tolu fidi jennaan sidaama biyya fide Kan tuta wajjin hin nyaanne hantuuta wajjin nyaatti Kan waaqa abdate hindhabu. Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo Kana muranii kamiin fincaayan jette haati manaa inni ofirraa mura jennaan. Karaa fi halagaatu gargar nama baasa Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran. Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa! Karaan Sobaan dabran galatti nama dhiba! Karaan sobaan darban deebi’iitti nama dhiba Karaan sobaan darban gala nama dhiba Keessa keessa adurreen bineensa Keessa marqaa boojjitootu beeka. Keessumaa qamalee raafuu keessati argu. Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti. Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti Kijibni nama oolcha malee nama hin bulchu Kokkolfaa haati goota hin seetu Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan. Kophaa nyaattuun qophaa duuti. A person who eats alone dies alone. Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni mar’ata Kormi biyya ofiitti baroodu biyya ormaatti ni mar ata Lafa ilaalanii muka dhaabani. One plants a tree after observing the ground. Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan Lafa rukuchuun yartuu ofiin qixxeessuu dha Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan Lafaa fuudhuutti ukaa nama bu’a Laga malee garaan walittinyaa’u. Without a course hearts may not come to each other. Lama na hin suufan jette jaartiin qallubbii hattee Leenca humnaan roorrisu qamaleen malaan ajjeefte Leenci maal nyaata jennaan liqeeffatte jedhe maal kanfala jennaan eenyu isa gaafata jedhe Lilmoon kan ofii seentu malee kan ishee seenu hin beektu. Looni hinqabnu hattuu jibba hindhaqnu jedhe gowwaan. We don’t have cattle hence we don’t hate thieves said the fool. Luka lama qabaataniif muka lama hin koran jedhuu Oromoon. Just because you have two legs it does not mean you can climb two trees. Lukkuun biyya hin qabdu bakka bultu hin dhabdu Lukkuun biyya hin qabdu bakka bultu hin dhabdu. Lukuun abbaanis qabu bineensis qabu iyya hin dhiistu Maa hin nyaatiin jedha dhirsi hamaan Maal baasuuf dhama raasu Madaan hiyyeessaa madaa bineensaati. The wound of a poor person is the wound of a beast. Makkitu malee makkaa hin hajjan Malaan bishaan waadu. Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran. Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan. Mana karaa irra kessumaatu itti baayyata Mana ofii dhakaa itti baatan. One carries a stone in his home. Mana ormaa bareedaarra godoo ofii wayya Mana waraaabessaatti foon liqii hin dhaqan. Manni of – jajjuu karaa duraBor hin bekneen qoda- bukeen ishee lama! Manni waaqni ijaare hin jigu Manni waaqni ijaare hin jigu. Maqaa hannaa abbaatu ofirraa eega. Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu Maraataa fi sareen mana ofii hin wallalani Maraattuu keessi gamna Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa. Maraatuu keessi gamna Maraatuu keessi gamna. Marartoon du’a hin oolchu. Mari’ataan gowwaa hin qabu. Marxoon otoo fiiganii hidhatan otuma fiiganii nama irraa bu’a Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu. Miila lama qabaataniif muka lama hin Koran Mixiin wal qabatteet laga ceeti. Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu. Mucaa deenna malee mucaa hin geennu jette intalti of tuffatte. Mucaan nyaanyaa jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu Mucaan nyaanyaa jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu. Muka beekan qoricha hin se an Muka biyya jiruun mana ijaaran Muka biyya jiruun mana ijaaran. Muka jigetti qottootu baay ata Muka jigetti qottootu baay’ata. Muka koruun nama hin dhibu bu’utu nama dhiba Mukiti Lubbu lubbuu hinuban. Trees are life one doesn’t harm life. Na argaa na argaan na dhoksaa fida. Nagaroon qoree baala bakkanniisaa harsaamessatti saadiru Nama fardaan barbaadan lafoo argatu Nama foon beeku sombaan hin sossoban. Nama gurraan du’erra nama lubbuun du’e wayya. A person who lost his life is better than a person whose name is Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu Nama mannatti walii galetuu alaa waliin gala. People who agree with each other at home can come backhome together Namatti himu malee namatti hin hidhan Namatti himu malee namatti hin hidhan. Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru. Namin lafarratti wol shaku muka woliin hin koru! Namin ulfina hinbenne ulfina hinfedhu. A person who doesn’t know the value of respect doesn’t need respect. Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du’a. Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu. Namni badaan bakka itti badutti mari’ata Namni beela’e waan quufu hin se’u Namni dhama iif uumame abjuun dhagaa guura Namni dhama iif uumame abjuun dhagaa guura. Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu! Namni farda koorse galgala kooraa baata Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu hafa Namni gurraachi jiilche gufuu gubataa baqata. Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu Namni ija tokko qabu cirrachaan hin taphatu. Namni iyyoome takka lafa reeba takka nama reeba. A poor person sometimes beats the ground and at other times persons. Namni Jireenya isaati fakkaata Namni kadhachuu hin dhiisu rabbi waan murtee hin dihiisu Namni mana ijaaru daboo namaa hin oolu. Namni mataa isaatii hin tolle namaaf hin tolu Namni namaaf qoricha Namni namatti jennaan erbeen saawwanitti jette Namni namumaa ija nyaadhu jette allaattiin. Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee Ni qallatti malee hin cittu dhugaan Ni ta’a jennaan harree qallee hin ta’u jennaan harree gannee isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne. Ni turra malee ni urra jette boonbiin. Niitiin afaan kaa’a barte kabaluuf jennaan afaan bante Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba.Qeesii mataa sabbataa Amajaaja dabboo sanbataa jedhu Niitiin afaan kaa’aami’eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti Nitaati jennaan harree qalle hin tatuu jennaan harree ganne qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabne Nuugiin tumanii nyaatan humna baaterra hin jirtu. Nyaataa fi lola abbaatu tolfata. Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya Obsaan aannan goromsaa dhuga. Odeessaan oduu yakka dhuufuun hirriba yakka. A talkative person distorts information as fart disrupts sleep. Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan. Oduun soora (nyaata) gurraati Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte. Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti Ofii badanii namaa hin malani Ofii jettu mi’aa’i yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan Ofii jettu miyaa’i yookaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan Ofii nyaatan ormaa laatan. Ofiinuu duuti maaliif of huuti? Okkoteen waaqa hin beekne eelee bishaan kadhatti Okkoteen waaqa hin beekne eelee bishaan kadhatti. Ol hin liqeessiin horii keetu badaa gadi hin asaasiin hasa’aa keetu bushaa’a Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan. Olkaa’an fuudhan malee olka’an hinfudhan. One takes tomorrow what he/she puts by today. Olkaa’an malee ol ka’anii hin fuudhani. Olkaayaniif malee ol ka aniif hin fuudhan Olkaayaniif malee ol ka’aniif hin fuudhan. Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti Ollaaf aduutti gadi bahan. One comes out to the sun and his neighbour. Ollaafi garaan nama hin diddiin Ollaan akkam bultee beeka akkatti bule abbaatu beeka Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka! Osoo dhukubsataan jiru fayyaalessi du’a. Osoo garaan addaan nama hin baasin karaan addaan nama baasa. Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin. Otoo farda hin bitiin dirree bite Otoo garaan dudda duuba jiraate qiletti nama darbata Otoo sireen nama hin dadhabiin tafkii fi tukaaniin nama dadhabdi Qaallu salphattu nama du’utti waaman Qaalluun Kan bira himiti malee kan shee hin beektu jedhuu Oromoon. A soothsayer tells for another but does not know for themselves. Qalbii malee ijji hin argitu Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon Qalloo keessi sibiila Qaroo dhabeessi maal barbaadda jennaan ifa jedhe Qarri qara hin muru Qeerransa eegee hin qaban qaban gadi hin dhisan Qooda qocaa kaa e Allaattiin hin fuunee Qoonqoon darbu maqaa hin dabarre nama irra kaa’a Qoree dur dirteef hiyyessi okkola. Qottoon maal nu godhe kan nu miidhe muka keenya isa jallate jedhe mukni jigan jedhan. Qunceen walgargaartee arba hiiti. Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani Raadni harree keessa ooltedhuufuu barattee galti Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan. Re’een kan tokkoo raafuun kan tokkoo kis jennee kiisii dabalanne Roobiin garbaa baatee fiixeensa arraabdi Roobuus caamus ijii misiraa lama. Sa’a bonni ajjeese ganni maqaa fuudhe Sabab jette ballaan farda yaabdee Sababa jette ballaan farda yaabdee. Sagaliin Akaafee diddeet diddiimattii. Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru. Sangaan bara qote hedata ! Sangaan biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata Sangaan isa kolaase dhiisee kan silmii isarraa buqqise dhiita. Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a. Saree adeemtuu dill uu goromsaatu darba Saree adeemtuu dill’uu goromsaatu darba. Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati Sareen ofiin walnyaattu waraabeessa walirraa hin dhorkitu. Sareen sarbaa hinqabdu Muka arbaa hin yaabbattu; gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hin yaadatu Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan. Sii uggum yaa gollobaa anaafoo goommani ni dorroba inni gurr’uu soddomaa jette jaartiin horii ishee gollobaan fixnaan Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami Sirbituu aggaammii beeku Sirnaan yoo Ejjatan seera uumaa Eeggatanii ja an Sodaa abjuu hriba malee hin bulani Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wol hin lolan! Sombaaf aalbee hin barbaadani Soogidda ofii jettu mi’aayi anaa jettu dhagaa tahi. Sossobbiin madaa hin foyyessu. Suphee dhooftuun fayyaa gorgurtee cabaatti nyaatti Surree fi niitii wajjin kufuu jedhuu Oromoon. Like the trousers fall together with the man So the man falls together with his wife. Surree namaa ergisani irra hin taa’inii hin jedhani Suuraan gaariin abbaa fakkaata Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti Suuta Ejjatan suuta qoreen nama waraanti.. Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti. Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti. Tafkiin gaafa haxaawan gowwaan gaafa gorsan itti abaasa. Tafkiin lafatti walnyaatti namarratti wal baatti Tafkiin utaaltus laga hin ceetu. Takkaa diimanne jette nuugiin Takkaa diimanne jette nuugiin. Tanaa warri rafnaan jette sareen. Tika didaan dhiyaana dida. Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati Tiruun bulte lafee taati Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee Tokko Jennee lama Jenna jedhuu Oromoon. First you say one then you can say two . Tuullamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan. Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa. Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde. Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata Waan biyyaa bilbilli iyya Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan ! Waan ergisaa galu fokkisa Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte. Waan jiilaniin kakatu Waan namaa kaballaa malee hin quufani Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi. Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haddi ! Waan Waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu! Waan warri waarii hasa’aan Ijoolen waaree odeesiti Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti! Waaqaan duuba karaan nama hin dabarsu. Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan! Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate ! Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate! Waaqni duumessaa’e roobuu hin oolu. Wacitii abbaan cabsee kaa e kan dhiqee kaa e itti kakata. Wahi beeyta jannaan jaartiin sheekaa kitaaba dhiiyxee wajjiin dhaloota malee dhalaan diina gurraachaa Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu. Wal qixxeen wal fixxee Wal-fakkaattiin wal barbaaddi Waliigalan alaa galan Wallaalan bishaan keessatti dheebota! Waraabeessi sodduummaa harree barbaaduun akka hin beelofneefi. Waraabessi biyya hin beekne dhaqee gogaa naa afaa jedhe Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma. Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe ! Waraana jannatti dheessanii dubbii qarootti dheesssanii. As war is prevented by a patriot; a problematic case is solved by a wise man. Warra gowwaa sareen torba Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu Warri horu wallirra hingoru. Members of a concordant family care for each other. Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari’ee. Yaa cubbuu essa dhaqxa jannaan bakka itti na ergan jatte Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi Yaa soogidda ofii jettu mi aayi ta uu baannaan dhagaadha jadhanii si darbu Yaadni hamaan nama huqqisa Yaanni karaa hin dhaleessu. Yaawaaq siifan ka’a achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin. Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana him baatu Yoo boora’e malee hin taliilu Yoo dheeraan tarkaanfii malu gabaabaan hulluqaa malata Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi Yoon ani du e araddaan hin margin jette harreen Dhirsaafi niitiin laga tokkoo waraabamu. Ijji baddus bakki ijaa hinbaddu. Osoo ollaa jirruu wal hinagarru jette ijji ijaan. Akka malee ejjetanii maal lafti dabaan kun jedhu. Baddu baddi malee saree ija hindiqan. Baraafi furguggee gadi jedhanii dabarfatu. Kan beekaa rafee waamichi hindhageessisu. Dhugaan niqal’atti malee hincittu. Aak jedhanii waa tufu mammaakanii waa himu Kan ganama jaarsi jedhe ijoolleen galgala fudhatti jedhani. Fagaatuyyuu mana ofii hammaatuyyuu fira ofii wayya. Manaa baala alaa gaala. Yoo manni namatti jige biyyatu namarraa kaasa; yoo biyyi namatti jige maaltu namarraa kaasa? Mariyatan malee maraatanii mana hinbulchan Mana ofii haxaawwatanii mana ormaa haxaa’u. Mee dura kurupheen foon haataatu. Daldala baddee gabaa haalomfatte. Kana taa’umsatti jibban kaatee namatti sirbiti. Iddoo cite dhukkuba Qunceen walgargaartee arba hiiti. Kan jibbantu nama dhaala. Utuu horiin hingaliin hattuun mooraa guutte Akka malee ejjetanii Maal lafti dabaan kun jedhu Mixiin walqabattee laga ceeti. Alagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa Suuqan malee soqanii hin argan Akka baran osoo hin taane akka baraa bulan Kan akka walii horii walitti oolfatti Maqaa baduu manna mataan baduu wayya Kan haqa qabu murtii hin dhabu. Boru hin beekneen qodaan bukoo ishee sagali. Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka jedhe namtichi. Bulu cooma jedhe jaldeessi mixii barbaachatti bofa dhagaa jalaa baasee. Cilee ta uuf gubannee cilee taanees gubanne jedhe mukni. Gama sanaa garbuun asheete jennaan Warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe jaldeessi. Gosaan walitti galaa jennaan erbeen loonitti galte. Madaa keenyatu bakka bade jedhe jaldeessi. Situ diriiree of qochisiise jedhe gaarri Lafa diriiraa gadi ilaalee. Waan dhufu hin beekani saree tana akaayii barsiisaa jedhe jaarsi. Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus anatu beeka jette xaddeen. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya jette gondaan ciniintee haftee. Na nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa u jette harreen waraabessaan. Ni nyaanna jettanis ni nyaanna hin nyaannu jettanis ni nyaanna jedhe waraabessi. Akka isaa beekaaf bofa miila dhorke. Arrabni ofii gaaddisa ooltee abbaa aduu oolchiti. Baga dhufte jennaan kajeelaa garaan ciise. Cidha gannaa abbaatu ofiin dida du a gannaa rabbiitu namaan dida. Dhugaa Waaqa hin dhoksan qullaa lafa hin dhoksan. Dhulaandhula garaa jiru saani cinaacha arraaba. Garaa nagaya qabu sukkuumuun dhukkuba itti fiduudha. Harree hin qabnu waraabessaanis wal hin dhabnu jedhan. Kan soogiddi ittoo mi eesse barbareen maqaa itti fudhatte. Kofoo namaa ergisanii irra hin taa in hin jedhan. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu. Mana haadha kootiin dhaqa jettee goraa bira hin darbin. Namni gurraachi jiilche gufuu gubataa baqata. Namni ulee baatee hin deemne sareef sagadaa deema. Ofiinuu duuti maaliif of huuti? Roobiin galaana keessaa bahee fixeensa arraaba. Silaa dhufa hin oolu kajeelaa dura waami.